Pooliisiin keeniiyaa lammiilee Itoophiyaa 40 seeraan alaa gara biyyaatti seenaan ittin jedhe to’aanno jala akka oolche beeksisuun isaa gabasameera.

Lammiileen Itoophiyaa kunniin magaala xiqqoo Keeniiyaa Qayeelee jedhamtutti eerumsa jirattoonni pooliisiif kennan mana jireenya tokko keessatti akka qabaman Ajajaan Pooliisii Bulchiinsa Niijiiruu Partiik Miwambaa himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa karaa seeraan alaa keeniiyaa seenaan jedhamanii hidhaman hundu dhiiraa akka ta’aiif umirii waggaa 10 hanga 25 gidduu jiru jedhameera.
Baqattoonni lammiilee Itoophiyaa kunniin gama bakka bu’aa tokkon wixaata Itoophiyaa ka’anii gara Afriikaa Kibbaa imaluuf karoora akka qaban pooliisiitti himaniiru.
Lammiilee Itoophiyaa osoo sanada imala malee gara Keeniiyaa seenaan kanniin ilaalchisee qorannoo akka jalqabe pooliisiin beeksiseera. Qorannoon akkuma xumurameen guyyoota muraasa keessatti mana murtiitti ni dhiyaatu jedhan.
Abbaan Taayita Immigireeshinii keeniiyaa lakkofsi lammiilee Itoophiyaa gara biyyaatti baqatan yeroo gara yerootti waan dabaleef naannoo daangaatti buufatalee to’aannoo haaraa hundeesseera.
Giddugaleessaan guyyaa guyyaan lammiileen Itoophiyaa 30 gara Keeniiyaatti akka baqatan Dhaabbanni Koolugaltoota Addunyaa beeksiseera.
Lammiileen Itoophiyaa Afriikaa Kibbaa dabalatee gara biyyoota Afriikaa birootti akka baqatan himameera.
Mormii ummata Oromoo waggaa tokko oliif ture wajjiin walqabatee tarkaniiffi haalo bahuu hidhattoota mootummaa jala bahuuf dargaggoonni baay’ee gara biyyoota adda addaatti baqachaa akka jiran ragaaleen ni mul’isu.
Lammileen Itoophiyaa gara Afriikaa Kibbaatti baqatan baay’een bakka yaadan osoo hin geenye biyyoota Afriikaa baay’ee keessatti hidhaaf saaxilamaniiru