Pireezdaantiin Eertiraa Obbo Isaayyaas Afawarq Daawwannaa guyyoota Sadiif guyyaa borii Adooleessa 14/2018 Magaalaa Finfinnee akka seenan beekame.

Prezedaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarq afeerraa Mumichi Ministeeraa Dr.Abiy Ahimed isaaniif taassisaniin Daawwii hojiitiif gara Itiyoophiyaa imalu.

Daawwii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf akka ta’e gabaafameera.

Jilli Mootummaa Eertiraa Prezedaantii Isaayyaas Afawoorqiin durfamu qondaalota Mootummaa Ityoophiyaa wajjin hariiroo biyyoota lamaanii irratti ni mari’atus jedhamee eegama.

Jilli Mootummaa Eertiraa turtii isaanii Itiyoophiyaa keessatti gara Magaalaa Hawaasaa imaluun Paarkii indaastirii Hawaasaa akka daawwatan himameera.

Galma Barkumeettis qophiin simannaa kan gaggeeffamu yemmuu ta’u, jila kanaaf afeerraan irbaataa ni taassifama.

Uummatnis prezedaant Isaayyaas Afawarqiif simannaa ho’aa akka taassisu waamichi dhiyaatera.

MM Doktar Abiy Ahimad Adoolessa 1, bara 2010 daawwii hojii guyyoota 2f Eertiraa turuun isaanii ni yaadatama.

Daawwii isaanii kanaanis Itiyoophiyaa fi Eertiraan waliigalteewwan nageenyaa walii mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha.