Peresedaant Dr. Mulaatuun Tashoomaa Obboo Dirribaa Kumaa fii Obboo Shifarraaw Shugguxee dabalatee namoota 8f muudama Ambaasaaddarummaa kennan.

Akka odeeffannoon sab-qunnamtii hawaasa ibsitutti namootni saddeettan biyyoota akkamiitti Ambaasaaddarummaan muudamuun isaanii ifa ta’uu dhiisuus guyyaa hardhaa muudama Ambaasaaddarummaa guutuu argataniiru.

Obboo Shifarraaw Shugguxee kan dhiheenya taaytaa peresedaantummaa Sochii Dimokraasummaa Ummatoota Kibba Itoophiyaa irraa kaafaman fii Ministeera qonnaa akan ta’an akkasumaas Kantiibaan magaalaa Finfinnee obboo Dirribaa Kumaa, Obboo Alamaayyoo Taganuu, Obboo Isheetuu Dasee, Obboo Azaanaaw Taaddasaa faan kanneen muudaman keessatti argamu.

Obboo Yoonaas Yooseef, Obboo Yaalaw Abaataa fii Obboo Abdulfattaah Abdullaahii faaniis bifuma wal-fakkatuun muudamaniiru.
Muudama kanaan wal-qabatee, Ambaasaaddaroonni biyyoota gara garaa keessa jiran biyyatti ni waamamu jedhamee eegama.