Filannoon mootummaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru jijjiirama buuraa fiduu akka hin dandeenye beekkameera.

Dhiheessaa obbo H/maariyaam Dassaalanyiin muudamni mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti gaggeeffamaa jiru rakkoolee qabatamaan Itoophiyaa keessatti mul’achaa jiraniif furmaata homaatuu fiduu akka hin dandeenye ibsameera. Muudamaaa fi ragaasifama kaabinoota haarawaa obbo H / maariyaam Dassaalany qindeessan kanaan wal qabatee yaada isaanii kan kennan paartileen siyaasaa biyya keessa socho’aa jiran,wanti amma Addibilisummaa Tigraay (tplf) gochaa jiru kun haarawaa miti, waanuma ...

Read More »

Fincila ummataa Qabbaneessuuf, H/maariyaam Dassaalany kaabinoota haarawa muudaniiru.

Kaabinoota 30’n muudaman keessaa sagal kanneen duraan turaniifii taayituma irra jiraniin kan itti fufan yommuu ta’u namoonni digdamii tokko immoo haarawaa akkasumas yeroo garagaraatti sadarkaa ministeerummaatin hojjechaa kan turan ta’uu obbo H/maariyaam Dassaalany mana maree bakka bu’oota ummataaf beeksisaniiru. Haala Kanaan duraa keessatti muudama aangoo itti aanaa muummicha ministeeraa fi gorsaa muummicha ministeeraa jedhamuun geggeeffamaa tureen eddoon qabame guutummaan guututti ...

Read More »

Ihadeg labsii yeroo hatatamaa hojii irra oolaa jiru akka dhaabuu yoonkaan akka fooyyessuuf dhaabbanni Hiwumaan Raayits waach gaafate.

Labsiin yeroo hatatamaa mootummaan wayyaannee seera cabsuun hojii irra oolchaa jiru iftoomina kana hin qabnee fi dhiitta mirga dhala namaa hammaaf akka kakaasu Himaan raayits waach beeksiseraa. Labsiin yeroo hatatamaa amma labsamee jiru kun, lammiillee biyyattii mootummaa sana morman irratti ji’a jahaaf akka isaan mirga dubbachuu isaanii hin fayyadamne godha kan jedhee hiwumaan raayits waach, Loltonni biyyattiif aangoo guutuu kennuun ...

Read More »

Sochiin biyyaalleessaa Itoophiyaa haaraa uumame mootummaa federaalawaa guddina fi dagaagina fidu hundeessuun kaayyoo isaa ijoo akka ta’e beeksise.

Sochiin biyyaalleessaa  Itoophiyaa haaraa uumame mootummaa federaalawaa guddina fi dagaagina fidu hundeessuun kaayyoo isaa ijoo  akka ta’e beeksise.   Ibsi paartiilee afuran sochii biyyaalleessaa Itoophiyaa irra bahe akka mul’isutti, kaayyoon tokkummaa kanaa Itoophiyaa saba fi sablammooni ishee mirga isaanii kabajatanii fi birmadummaan ishee eegame uumu akka ta’e ibseera. Sirna mallattoo Meeriilaand silverspring tti taa’ame irratti Dura taa’aan Adda Dimmokirtwaa Oromoo ...

Read More »

Gogiinsi Itoophiyaa keessatti ka’ee jiru hanga walakaa bara 2017 ttis cimee akka itti fufu dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii beeksise

Balaan gogiinsaa kun Oromiyaa bahaa godiinaalee Baalee, Gujjii fi Booranaatti cimee akka itti fufu beekameera. Lafti dheedicha horii fi dhiheessiin bishaan dhugaattii hir’achaa waan deemeef loon naanicha jiran beelaaf akka saaxilaman dhaabbata mootumoota gamtoomanitti garee mirga dhala namaa ibsaniiru. Godina Gujii fi Baalee bakkeewwaan gammoojjitti balaan kun irra caalaa hammaa akka ta’e kan beeksise gabaasi kun, Naannoo Affaris balaa kanaan ...

Read More »

Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee…

Mootummaan Kanaadaa hariiroo diinagdee Itoophiyaa waliin qabutti fayyadamee,Itoophiyaa keessatti dimokraasin akka jiraatu fi mirgi dhala namaa akka kabajamu dhiibbaa gochuu qaba jechuun miseensonni paarlaamaa mootummaa Kanaadaa gaafataniiru. Fincila ummataa Itoophiyaa keessatti geggeffamaa jiruun wal qabatee,hanga ammaatti namoonni lakkoofsaan kuma tokkoo fi dhibba jahaa ol ta’an hidhamuu isaanii kan eeran miseensi paarlaamaa biyya Kanaadaa Piitar Keenti jedhaman Itoophiyaa keessatti mirga namoomaa ...

Read More »

Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti

Ameerikaatti Gareen mana maree dhimma mootummootaa fi dhaabbilee Addunyaa Atilaantik kaawunsiil for Afrikaa jedhamu hagaayya 31/2016 washngton DC tti dura taa’aa Koongirasii federaalawaa Oromoo Dr Mararaa Guddinaa fi dura taa’aa samaayaawii paartii Injinar Yiliqaal Geetinnat waliin ,marii bal’aa taasiseera. Marii kanarrattis hooggantoota paartilee siyaasaa kanneen dabalatee hayyoonni fi namoonni adda addaa lammiilee Itoophiyaa ta’an hirmaataniiru. Hooggantoonni paartilee siyaasaa fi namoonni ...

Read More »

Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira.

Mormiin Naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru ammas cimee itti fufee jira. Loltonni Agaaziis ummata nagaa irratti dhukaasuu itti fufanii jiru. Magaalota Gondor Kaabaa Dabarq fi Amba Giyoorgis keessatti bifa kanaan duraa irraa bifa adda ta’een loltoota agaazii fi milishoota naanichaa hidhatanii jiran giddutti lolli itti fufee jira. Dabarqitti mormii ummataa guyya roobii kana gaggeeffameen namoonni 4 ajjeeffamanii 17 kan ta’an ...

Read More »

Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase

Koreen giddu galaa fi hojii raawwachiiftuu Ihadeg qorannoo waggaa 15 jechuun ibsi baase gaaffii bu’uuraa ummanni gaafateef deebii kan lane akka ta’e tumsaa paartilee mormitootaa kan ta’e ibsa gidduu kana baaseen beeksisee jira. Rakkoo fi jeequmsa biyyattii keessattii gaggeeffamaa jiruufis paartiin Ihadeg akka itti gaafatamummaa fudhachuu qabu gaafateeera. Paartiin Madrak Hagaya 23 bara 2008 ibsa haala yeroo jechuun baaseen koreen ...

Read More »

Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee

Mootummaan Jibuutii lammiilee Itoophiyaa dhibbootaan lakka’aman baqatanii biyya sana jiran mootummaa Itoophiyaas dabarsee akka hin kennine dhaabbanni Mirga namaaf falmu Amnest intenaashinaal gaafate. Baqatonni kunneen dirqamaan gara Itoophiyaatti deebi’u yoo ta’e hidhattoota mootummaa Itoophiyaatiin dararaa fi hidhaa, akkasumas ajjechaan akka irratti raawwatu beeksisee jira. Mootummaan Jibuutii baqattoota dhalootaan Oromoo fi Amaaraa ta’an hedduu hidhee akka jiru kan beeksise Amnet Internaashinaal ...

Read More »