Omishaalee Kaampaniiwwaan waayyanneetti fayyadamuu dhiisuu ammas cimee itti fufeera.

Ummanni Amaaraa tarkaniifii omishaalee kampaaniiwwaan fi qabeenya waayyaanneetti hin fayyadamnu jedhee jalqabee cimsee itti fufeera. kun immoo qabeenyaa waayyaannee akka malee miidhaa jedhame Ummannii Amaaraa magaaloota gurguddoo naannichaa keessa jiraatu qabeenya waayyaannee kan akka Biiraa Daashiin , Biiraa Raayyaa , Simintoo Masaboo fi Baasii salaamiitti fayyadamuu dhiisuun ijaannoo isaa cimseera Baasiin salaam jedhamuu tajaajila geejjibaa biroo irratti miidhaa qaqqabsiisuun damee ...

Read More »

Pirezidaantiin Paartii Koongirasii Feedaraaliistii Oromoo doktor Maraaraa Guddinaa wayyaaneen qabamanii hidhaman

Guyyaa dheengadaa galgala kan mootummaa wayyaanetin qabamanii hidhamani Doktor Mararaa Guddinaa qabeenyii isaanii umnaa tikaa mootumichaatin akkaa samamee , doktoor mararaadhaaf maatii isaanii irraatis miidhan qama akka gahee beekameera. Pirezidaantiin Paartii Koongirasii Feedaraaliistii Oromoo doktor Maraaraa Guddinaa afeeraa Parlaamaa Awurrooppaatiin Beeljiyam Biraasalsitti waa’ee haala qabinsa mirgaa namoomaa yeroo ammaa Itoophiyaan keessa jiru ilaalichisuun miseensoota paarlaamaa Auwurrooppaa wajjiin tibbana waan maryataniif ...

Read More »

Waaraqsi Biyyooleessaa Itoophiyaa Siwudiinnitti walgahii ta’ee kara milka’een xumuramuu beeksiise.

Waaraqsi Biyyooleessa Itoophiyaa dhiyeenya kana paartiilee Afuriin hundeeffame walgahii biyyaa Siwudiin magaalaa Stokolmiitti deeggartoota wajjiin gadhee haala milka’een akka xumuramee beeksiise. Walgahii kanarratti hogganaan Arbanyooch Ginboot Sabaattii Profesaar Birhaanuu Naggaa, hogganaa Adda Dimokirasummaa Oromoo Obboo Leencoo Lataa fi hogganaan Paartii Ummata Affaar Doktoor Koontee Musaa aragamaniiru. Siwudiniitti qindeessaan Waarqisa biyyooleessa obboo Zalaallee Tsaggaa-Sillaassee kaayyoo walgahichaa ibsaniiru Profesaarii Birhaanuu Naggaa Paartiilee ...

Read More »

Itoophiyaa looltoota baay’ee daangaa Sudaan kibbaa irra qubachiistee

Itoophiyaa naannoo Gambeellaa keessaa loltoota baay’ee qubachiisuu ishee Barruun Jeneraal Aviyeeshiin jedhamu gabaaseera. Walitti bu’insa dhiyeenya kana sudaan kibbaa keessatti umaammee wajjin walqabatee Itoophiyaan loltoota ishee daangaa biyyaatti wajjiin ittiin waldangeesitu irra qubachiisuuf dirqamuu ishee barruun kun gabaaseera. Mootummaan Itoophiyaa garee riphee loltoota Reek Machaar wajjiin waliigaltee dhabuun naannichaatti tasgabbiin akkan hin jiranneef sababa ta’uu akka maluu qamooleen adda addaa ...

Read More »

Balaa Godina Geede’oo keessatti qaqqabeef kan ittti gaafatamu mootummaa Itoophiyaa akka ta’ee dhaltoonni saba Geede’oo Biyyoota Alaa jiran beeksiisan

Godina Geede’ootti balaa walitti bu’insaatiin qaqqaabeef itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu mootummaa Itoophiyaa akka ta’ee dhalattoonni saba Geede’oo biyyoota gara garaa keessa jirataan himan. Ibsa garaa waldaa isaaniitiin kennan akka jedhanitti, lubbuu namaa darbee fi qabeenya manca’eef gaddi guddaan itti dhaga’meera. Sabni Geediiyoo sabaa fi sablamoota godinicha keessa jiraatan kan biroo wajjiin rakkoo tokkolee akka hin qabne waldaan kun beeksiiseera. ...

Read More »

Ministirri Dhimmaa Alaa Biriteen, mirga lammiilee biyyaattii kabachiisuuf waada galan dhugomsuu akka qaban paartiin Leebaar waamicha dhiyeesseera.

Haala yeroo Obboo Andargachoo Tsigee ilaalchiisee Paartiin Leebaar ibsa baaseen, ministirri dhimma alaa haaraa muudaman Boriis Jonsaan dhimmaa kanaaf xiyyeeffaannoo addaa kennen akka hordofaniif duuli mallattoo deegarsaa walitti qabuu akka jalqaban beeksiiseera. Ji’oota sadeen darban obboo Andargachoon maatii fi qaama dhimmi ilaalatuun akka hin daawwatamne dhoorkamuu isaanii paartiich beeksiisera. Minsteerri dhimmaa alaa tarkaniiffi hatattaama fudhachuu akka qaban paaritich gaafateera. Ministirri ...

Read More »

Fayyaan Doktoor Fiqiruu Maaruu Yaaddeessaa akka ta’e Siwudiin beeksiisifte

Lamummaa Siwudiin kan qaban Doktoor Fiqiruu Maaruu tajaajila waldhansaa Onnee irraatti bobba’uuf gara Itophiyaa kan galan. Waggaa sadiin dura immoo malanmaltummaan shakkamuun hidhaman. Mannii murtii Federaalaa Doktoor Fiqiruu Maaruu waggaa 4 fi ji’a 8 itti murteesseera. Doktoor Fiqiruun yeroo hidhaa itti murta’ee irra caalaa waan xumuraniif akkasumas amalaa gaarii waan qabaniif ji’a kana keessa ni hiikamu jedhamee eegama akka ture ...

Read More »

Hidhamtoonni 38 mana hidhaa Qilinxootti Abiddi akka ka’u taassisan jedhamanii himataman.

Abbaan Alangaa federaalaa Hidhamtoota mana hidhaa qilinxoo keessatti hidhamanii jiran 38 manni hidhichaa abiddaan akka gubatu taassisan jechuun mana murtiitti himateera. Abbaan Alangaa Federaalaa hidhamtoonni kunniin ji’a Amajjii bara 2008 jalqabee ergama ABO, Ginboot 7 fi Al- Shabaab fudhachuu, raawwachuu fi akkasumas hidhamtoota mana hidhaa qilinxoo keessa jiran gurmeessuun yakka uumuuf odeeffannoo wal jijjiiran jechuun himatan. haa ta’u malee, hidhamtoonni ...

Read More »

Siibiilli Ijaarsa manneen kondominiyeemii sagantaa 40/60 jedhamuuf bitame konkolattotaa wajjin akka bade himame.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti, Interpiraayiziin Misoomaa Manneen Qusannoo siibiilli ijaarsa manneen sagantaa 40/60 jedhuuf bite konkolaattota Siinoo Tiiraakii 15nitti fe’amee ture akka bade gabaafameera. Ijaarsa manneen Kondominiyeemii sagantaa 40/60 jedhamuuf siibiilli birrii miliyoona baay’een bitame mana kuusaa Muummee Interpirayiziichaa Aqaaqiitti argamutti kan kuufamu ture. Siibilli ijaarsa manneen Interpirayizichi ijaarsisuuf akka ooluuf bitame kun hangi isaa kan hin beekamne yoo ta’u, konkolattota ...

Read More »