Paartiin Kongrasii Federalaawa Oromoo fi Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Geedi’oo Gabaasa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa akka hin fudhane beeksisaniiru

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gabaasa mana marii bakka bu’oota Ummataaf Bitoteessa 10 bara 2009 dhiyeesse Kongrasiin Federalaawa Oromoo fi Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Geedi’oo akka hin fudhane beeksiisaniiru.
Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa akkuma barame yaada Komishinii mirga namoomaa Itoophiyaa deeggaree raggasuun akka isa gaddisiise Kongrasiin Federalaawa Oromoo ibsa baaseen beeksiiseera.
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa qaama mootummaa waan ta’eef bilisummaa gabaasa kana akka shakku Kongrasiin Federalaawa Oromoo himera.
Komishinii Mirgaa Namoomaa Itoophiyaa dhiibaa mootummaa irra bilisa ofiin jedhu kun paartiicha Seeraa fulduraatti itti gaafatama gochuuf haala wayita mijeessu akka ofirra ittisuu fi qulqullummaa isaa akka ibsatuuf carraa akka hin kennineef ibsa baaseen beeksiiseera.
Qaamni tokko dhiibaa kamu irra bilisa yoo ta’e, qaama gaafatuu fi gaafatamu dubbisuun yaada qaama lamanuu dhageeffachuu akka qabu paartiichi hubachiiseera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa garuu gabaasa dhiyeesse kana akka qaama bilisaatti osoo hin taane, qondaltoota mootummaa bakka bu’uun akka ta’e ifatti akka irraa beeksiisuu Kongrasiin Federalaawa Oromoo ibsa baaseen beeksiiseera.
Paartiichi mormiin Ummataa kun akka babal’atuuf hin gumaachine jedheera. Danbalii mormii Ummataa bifa akkaastiin akka babal’atuf Kongrasiin Federalaawa Oromoo gumaachuuf humna akka hin qabnees himeera.
Ummanni Oromoo gara fulduratiis qaamni kamu heera mootummaan alaa aangoo akka qabatuuf aangoo irra akka turuuf kan hin eyyamne ta’u Kongrasiin Federalaawa Oromoo beeksiiseera.
Paartiichi qabsoo siyaasa karaa nagaan jalqabe cimsee kan itti fufu ta’uusa mirkaneesseera
Akkaata murtii fi yaada Komishiniichaa akkasumas Mana Marii Bakka bu’oota Ummatan,Paartii Kongrasii Federalaawa Oromoo diiguuf yaaluun Kaayyoo Ummata Oromoo gara duubaatti akka hin deebisne beeksiiseera.
Bifuma walfakkatuun Dhaabbanni Dimokirasummaa Ummata Geedi’oo mormii ummataa godina Geedi’oo kakaasuu fi babal’atuuf gumaacheera jedhamee yaakkamuun dogongora akka ta’e beeksiiseera.
Dhaabbatiich haala siyaasa wal-xaxa fi bakka Paartiin biyyaatti bulcha jiru gahuumsa siyaasa hin qabnetti aangoon siyaasa kan ummataa akka ta’e qabatamaan mirkaneessuuf qabsa’aa akka jiru beeksiiseera.
Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa lammiileen biyyaatti saba Geedi’oo hin taane Godinicha keessaa akka bahaniif dhaabbatiichi kakaaseera jechuun gabaasa dhiyeesse akka hin fudhanne himeera.
Ummanni Geedi’oo waggoota hedduuf sabaa fi sablamoota Itoophiyaa wajjiin nagaan jiraacha akka ture yaadachiseera.
Sabni geedi’oo gara naannoolee biroo deemuun akka lamii Itoophiyaa tokkootti nagaan hojjatee jiraacha akka jiru Dhaabbatichi ibsa baaseen beeksiiseera.
Maddi mormii Ummataa rakkoo bulchiinsa gaarii fi dhiittaa mirga namoomaa paartiin biyyaatti bulchaa jiru lammiilee irran gaha jiru ta’e osoo jiru paartiilee mormitoota yakkuun sirri miti ittiin jedheera.
Komishinii Mirgaa Namoomaa Itoophiyaa mormii Ummata ilaalchiisee gabaasa mana marii bakka bu’oota ummataaf dhiyeessen paartiilee siyaasa mormitoota itti gaafatamu qabu jechuun isaa ni yaadatama.