Obboo Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa shoorarkummaan himatame.

Mormii oromiyaa keessatti sadaasa eegalame sababa gochuun kan hidhame miseensi paartii samaayaawii obboo Yoonaataan Tasfaayee Raggaasaa yaada fii ilaalcha isaa waan sabaahimoota gara garaa irratti barreesseef shoorarkeeysummaan mana murtiitti yakkaan himatame.

Obboo Yoonaataan miidiyaalee sab -qunnamtii gara garaa irratti barruulee ummata mormiif kakaasan facaasuun yaada mootummaa qeequ barreesse jechuun abbaan halangaa mana murtii tti himannaa itti dhiheesse ture.

Yoonaataan nama akka miseensaafii hooganaatti waggoota hedduuf jaaramaya Samaayaawii keessa ture.. Yaroo mormiin Oromiyaa geggeeyfamaa turte miidhamni lammiilee isaa itti dhagayamee miidiyaalee hawaasaa gubbatti waaa barreessinaan fuudhanii hidhatti darbatanii shoorarkeessaa jechuun akka yakkan hubatame.
Obboo Yoonaataan yakka shoorarkeessummaa lakkoofsa 652 barreeffama 4 jalatti himatameeti jira.
Himannaan obboo Yoonaataan guyyaa Caamsaa 4 bara 2016 mana murtii heera Lidataa tti abbaa halangatiin ibsame.
Xalayan mana murtii heera Lidataa iraa waayee obboo Yoonaataan irratti abbaan halangaa yakkaaf dhiheeyse, obboo Yoonaataan toora yaada siyaasaa itti amanu irrati hundaawuun mootummaan mormuufii hawaasa shoorarkeeysuuf dhaaba ABO waliin mastar pilaanii dahannoo godhachuun mormii Oromiyaa tti bara dabre Sadaasa 12/ 2016 magaalaa Ginciitti eegalamtee oromiyaa mara walgeeyse akka baballattu qooda irraa fudhate jechuun abbaan halangaa mana murtii tiif himannaa dhiheeyseti jira.
Haala mormii Oromiyaa laalchisee barruu obboo Yoonataan feesbook(Facebook) dhunfaa gubbatti maxxanse ragaaf dhiheeysaniiti turan.
Obboo Yonaataan galmee himannaa yakkaa tan kophaa isaa jalatti waan himatameef abbootiin heeraa mijuu hin guunne jechuun dhimmi isaa waajjiratti akka laalamu taasifamuun maatiin isaa osoo hin argin hafuun baallama dhaddacha heera isaa caamsaa 23 bara 2016 tti dabarsuun barame.