Naannoo Xaanaa Balaas Soostiitti warshaan shukkaraa ni hundeeffama jedhamee shankoorri lafa hektaaraa kuma 12 irratti misoome ibiddaan akka gubatu murta’uusa maddeen oduu ESATitti himaniiru

Mootummaan Shankoorri lafa hektaaraa kuma 12 irratti misoomee kun akka gubatuuf kan murteesseera. Sababni isaa immoo warshaan shukkaraa waan hin xumuramneef shankoorii sadarkaa guddinaa xumuruun manca’uu waan jalqabeef jedhameera.
Shankoora lafa hektaara tokkoo irraa shukkaarri kumtaalaa 200 akka omishamu himameera. shankoora lafa hektaaraa kuma 12 irratti misoomee kun akka gubatu waan murta’eef kisaaraa birrii biiliyoonaa 5 qaqqabsiisa jedhameera.
Kisaaraa kana wajjiin walqabatee gama mootummaatiin qaamni itti gaafatamummaa fudhatu hagna amma akka hin jire beekameera