Naannoo Somaalee Godina Doolootti ji’a Waxabajjii qofatti daa’immaan 67 hanqina nyaataan akka du’aan himameera

Naannoo Somaalee Godina Doolootti hanqinni midhaan nyaataa sadarkaa olaanaa irra akka jiru dhaabbanni Mit- Mootummaa Meedisiin Saniis Fironteers (MSF) beeksiseera.
Dhaabbanni MSF naanniichaatti hojiilee misooma hawaasummaa adda addaa waggoota kurnaan darbaniif hojjachaa tureera.
Waggoota kurnaan darbaan keessatti hanqinni midhaan nyaataa daa’immaan mudate yeroo jalqabatiif sadarkaa olaanaa irra akka gahee gorsituun nyaataa MSF Saskia van der Kam himaniiru.
Dhaabbatichi Ministeera Eggumsa Fayyaa wajjiin buufatalee daa’immaan hanqina midhaan nyaataan qaamni isaanii midhame itti yaalaman hundeessuun nyaataa dhiyeessaa akka jiru beeksiseera.
Dhaabbanni MSF Danood, Leeheel Yukuub, Wardeer, Galaadii fi Daratoleetti daa’immaan umirii waggaa shanii gadii 6,136 ji’a Amajjii jalqabee yaala akka jiru himeera.
Lakkofsi Daa’immaan sababa hanqina nyaataan yaalama jiran kana bara darbee yeroo walfakkataa wajjiin yoo ilaallamu harka kudhanii oliin akka caalu Dhaabbatichi beeksiseera.
Bara darbe hanqina nyaataa wajjiin walqabatee daa’immaan 491 waldhanamu isaanii yaadachiseera.
Ji’a waxabajjii Torbee lamaan jalqabaa qofa daa’immaan hanqina midhaan nyaataan akka malee midhamaan 322 gara buufata gargaarsa akka galaan MSF himeera.
Daa’immaan 322 hanqina nyaataan akka malee midhaman kunniin yaalama kan turan yoo ta’u, 51 akka du’aan beeksiseera.
Ji’a waxabajjii qofa lakkofsi Daa’immaan sababa hanqina midhaan nyaataan lubbuu isaanii dhabanii 67 gahuusa MSF himeera.
Duuti daa’immaan 67 kun rakkoon hanqina midhaan nyaata hangam cimaa akka dhufe kan mul’isu ta’u gorstuun Nyaataa MSF Van der Kambeeksisaniiru.
Dhaabbileen Arjomtoota lammiilee Itoophiyaqa balaa hongeetiin saaxilamaniif gargaarsa midhaan nyaata akka dhiyeessan MSF gaafateera.
Qondaltoonni Mootummaa Itoophiyaa du’a daa’immaanii kana ilaalchisuun odeeffannoo kenne hin jiru.
Sababa hongee wajjiin walqabatee hanqina nyaataan lubbuun namaa darbe akka hin jire qondaltoonni mootummaa Itoophiyaa hanga yeroo dhihootti beeksisaa akka turan ni yaadatama.