Naannoo Oromiyaatti Mormii Laguu Gabaa wajjiin walqabatee Manneen daldalaa Saamsamanii fi Konkolattoonni Gabateen irra hiikame gara hojiitti deebi’uu akka hin dandeenye himame.

Naannoo Oromiyaatti mormiin gabaa lagachuu erga xummurame booda manneen daldalaa fi tajaajilli geejiba akka jalqabame himameera.
Manneen Daldalaa samasamanii fi konkolattoonni gabaateen isaanii mormii laguu gabaa wajjiin walqabatee irra hiikame garuu gara tajaajilaatti deebi’uu akka hin dandeenye himameera.
Qondaltoonni Mootummaa naannoo Oromiyaa namni kamuu karaa nagaatiin mormuu waan danda’uuf manneen daladalaa saamsuu fi konkolattoota irra gabaate hiikuun sirri akka hin taane beeksisaniiru.
Magaaloota tokko tokko keessatti immoo namoonni gara hojii isaaniitti deebi’uuf wayita yaalan eenyuu isin ajajee cuftan jechun hojii akka hin jalqabne dhoorkama akka jiran jirattoonni dubbataniiru
Kabinoonni fi qondaltoonni manneen daladala samsamee fi gabaate konkolaata hiikan deebisuuf malanmaltummaa gaafachaa akka jiraniis himameera.
Manneen daldalaa isaanii saamsame deebisanii banisifachuu, Konkolattoota Bajaajii sababa laguu gabaan buufata pooliisii fi wajjiira gandoota keessatti walitti qaban gadhiisifachuun tajaajila jalqabuuf maallaqaa kaffaluu fi akeekkachisaa kennamuuf mallatteessuun halduree akka ta’e himameera.
Magaloota tokko tokko keessatti immoo daladaltoota Gabaa lagaachuu guutuu Oromiyaa xumurame irratti hirmaatan baay’een akka hidhaman himameera.
Sababni ittin hidhamaniis karaa nagaatiin laguu gabaa qofa irratti waan hirmaataniif eenyuutu isin ajajee cufatan, amma immoo eenyuu banaa isiniin jennan bantan jechun darara akka jiran jirattoonni dubbataniiru.
Kabinoonni ergamtoota mootummaa waayyaannee daladaltoota Oromoo sababa adda addaa dhiyeessuun dararuu kan hin dhaabne yoo ta’e, gara tarkaniiffii biraatti akka ce’aan jirattoonni beeksisaniiru.
Hogganaan Biiroo dhimmoota komunikeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa namni kamuu karaa nagaatiin mormii fi gaaffii mootummaa irra qabu ibsachuuf mirga waan qabuuf mana daladalaa saamsuu fi konkolaata irra gabaate hiikuun dogoggoora akka ta’e Sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Oromootti himun isaanii ni yaadatama.