Naannoo Gambeellaatti Abbootiin Qabeenya lafti irra fudhatame 186 ajaja wajjiira Ministiira Muummeen akka deebi’eef himame.

Naannoo Gambeellaatti Abbootii Qanbeenya 186 lafa invastimantii qonnaa fudhatan misoomsu hin dandeenye jedhamanii lafti irra fudhatame ture ajaja wajjiira minstiira muummeen akka deebi’uuf taasifame.
Naanniichi Abbootiin qabeenyaa invastimantii qonnaaf lafa fudhatan 600 keessaa 296 akkaata waliigalkteen misoomsuu kan hin dandeenye jechun lafa irra fudhachuun ni yaadatama.
Abbootoin qabeenyaa kunniin tarkaniiffii naanniichi fudhate mormuun wajjiira ministiira muummeetti komii isaanii dhiyeessataniiru.
Komii abbootii qabeenya kana wajjiin walqabatee koreen Obboo Arkabaa Iqubayiin hogganamuf dhimma kana akka qulqulleesuuf hundeeffame abbootii qabeenya baay’een isaanii Tigroota ta’aan 186 lafti akka deebi’uuf taasiseera.
Akka seeraa Itoophiyaatti Kontiraata lafa Liizii bulchuuf aangoo kan qaban mootummoota naannooleeti ta’uun ni beekama.
Mootummaa naannoo Gambeellaa abbootiin qabeenyaa lafa invastimantiif fudhatan akkaata waliigalteen misoomsa hin jiran jechun eyyama isaan wayita haqu wajjiirri ministiira muummee immoo akka deebisuuf ajajuun seera kan diigu jedhameera.
Naanniichi eyyama abbootii qabeenya 296 akka haqu koreen wajjiira ministira muummeen hundeeffamee fi obboo Alamayyoo Taganuun hogganamu murteessun isaa kan yaadatamudha.
Abbootiin qabeenya kunniin eyyama invastimantii lafa qonna qofa osoo hin taane maallaqni liqii baankii misooma Itoophiyaa irra eyyamameef ture jala haqame ture.
Abbootiin qabeenyaa saba Tigraay tarkaniiffii fudhatame mormuun wajjiira ministiira muummeetti waan iyyaataniif koree obboo Arkabaa Iqubaayiin hogganamu biroo hundeeffamuun dhimmicha irra deebiin akka qulqulleesuu taasifameera
Haaluma kanan Abbootiin Qabeenyaa mootummaan naannoo Gambeellaa eyyama invastimantii jala haqe 296 keessa 190n iyyaannoo dhiyeeffatani irratti hunda’udhaan 186 lafti akka deebi’uuf murteeffameera.
Koreen Obboo Arkabaa Iqubaayiin hogganamu kun naannoon Gambeellaa Abbootii qabeenyaarra karaa seeraa alaan lafa fudhate sababa jedhu dhiyeesseera.
Koreen duraa Obboo Alamayyaa Taganuun hogganamu abbootiin qabeenyaa kunniin maallaqa Invastimantii Qonnaaf liqiin argatan magaala Maqalee fi Finfinneetti gamoo akka ittin ijaaran beeksisuun ni yaadatama.