Naannoo Gambeellaa Godina Maajaangiitti Weeraarri Dhibee Busaa akka mudate Dhaabbanni Mootummoota Gamtomaanii beeksiiseera.

Naannoo Gambeellaa Godina Maajaang Aanaa Mangaashii weeraara dhibee busaatiin hanga ammatti namoonni 550 akka dhukkubsatan himameera.
Weeraarri dhibee busaa kun gara gandoota ollaatti babal’achuu akka danda’u dhaabbatich gabaasa baaseen beeksiiseera.
Weeraara dhibee busaatiin hanga ammatti namni du’e kan hin gabaafmne yoo ta’u, daa’immaan umriin isaanii hanga waggaa 14 ta’e dhibeef akka saaxilaman himameera.
Biiroon Eggumsa Fayyaa Gambeellaa ogeessota fayyaa gara gandoota baadiyaa arfan dhibeef saxilamaniitti ergun to’aachuuf yaala akka jiru beeksiiseera.
Biiroon Eegumsa Fayyaa naanniicha gargaarsi namoomaa dabalataa akka barbaachiisu gaafachuusa dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiseera.
Naannoon Gambeellaa naannoolee Itoophiyaa wagga waggaan namoonni baay’een dhibee busaan lubbuu isaan itti dhaban keessa tokko akka ta’e ragaaleen ni mul’isu.
Itoophiyaa keessattti namoonni miiliyoona 45 ta’an naannoo dhibee busaaf saaxilame keessa akka jiraatan ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mul’isa
Waggoota kurnan darban keessa tamsa’ina weeraara busaa ittisuuf hojiin duulaa hojjatama ture jira.
Yaa ta’u malee,dhibeen busaa ammas Rakkaa fayyaa biyyaatti ta’un itti fufeera.
Oduu biraan immo, Rooba cimaa torbee darbe magaalaa gambeellaatti roobe wajjiin walqabatee lolaa mudaten lubbuun daa’imma waggaa shan tokko akka darbe himameera.
Balaa lolaa kanan maatiin 600 magaalaa Gambeellaa keessa jiraatan mana jireenya isaanii keessa buqqa’aniiru.
Mootummaan naannoo fi dhaabbileen gargaarsa namoota balaa lolaatiin qa’ee isaanii irra buqqa’aaniif gargaarsa nyaataa fi bakka yeroof itti qubatan dhiyeessaa akka jiran dhaabbanni mootummoota gamtomaanii beeksiiseera
Dooktar Teediroos Adihaanoom Daarektaraa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’anii Filatamniiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Swiizarlaand Jeeneevaatti yaa’ii Fayyaa Addunyaa ta’een Dr Teediroos Adihaanoom Dhaabbaticha daayreekterummaan akka hoggananiif filateera.
Biyoonni Miseensoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa sagalee marsaa jalqabaan kennan Dr Teediroos morkatoota isaanii caaluun sagalee 95 argataniiru.
Biiriteen bakka bu’aan kan dorgoman Dr Deevid Nabaaroo sagalee 52 argataniiru. Paakistaan bakka bu’uun kan dorgoman immo sagalee 38 qofa argachuun filannoo marsaa jalqabatiin dorgomichaa keessa bahaniiru.
Biyyoonni miseensoota Fayyaa Addunyaa filannoo marsaa lammaaffaan filataniin Dr Teediroos Adihaanoom sagalee caaluu argachuun Daayrekteera Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’uun filatamaniiru
Qamoolee adda addaa irra moormii guddaan kan isaan qunname Dr Teediroos Adihaanoom waggoota shanan dhufan Daayrekteera Olaanno Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’uun akka tajaajilan beekameera.
Biyyoota 194 miseensa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ta’an keessa 185 filannoo kibxataa filatame kana akka filatan gabaafameera.
Daayrekteera Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ta’un kan filatamn Dr Teediroos Adihaanoom Dooktar Maargaareet Chaan harkaa aangoo fudhachuun ji’a Adoolessa ifatti hojii akka jalqaban himameera.