Naannoo Amaaraatti Mormiin Laguu gabaa fi mana ooluu guyyaa lammaaffaa itti fufe ooleera

Mormii laguu gabaa fi mana ooluu naannoo Amaaraatti labsameen magaaloonni guyyaa jalqabaa hin hirmaannee hunda hirmachiisun guyyaa lammaffaaf cimee itti fufe ooleera
mormiin kun magaala Gondoritti cimee akka itti fufe yoo ta’u magaala Bahaar-Daariittiis manneen daldala baay’een cufamanii akka oolaan beekameera
Magaloota Dabaarq, Daabaat, Ambagiyoorgiis Bagaadaabiyee fi kan biroo keessatti moriin laguu gabaa fi mana ooluu gaggeeffama jiraachu ragaaleen mul’isaniiru
Magaloonni Gojjam tokko tokkoos gara mormii laguu gabaa fi mana ooluutti makamaniiru
Jirattoonni magaala Bahaar -Daar mormii laguu gabaa fi mana ooluu guyyaa lammaaffaa itti fufe oolee kanatti makamaniiru
Jirattoonni manneen daladala akka bananiif hidhattoonni mootummaa dhiibbaa gocha akka turan himameera
Keessattu ganda 04 naannoo ‘Buutiik tara’ jedhamu fi manneen daladala ganda 12 sarara Meelaat jedhamutti argaman gutuumaan gutuutti cufamanii akka oolan gabaafameera
Oduu biraan immo achuma magaala Bahaa- Daar naannoo Hoteela Paappiraas bakka tokoonni mootummaa fi Pooliisoonni itti walgahanitti haleelan Boombii akka raawwatame himameera
Haleellaa boombii kanan konkolataan kutaa tikaa mootummaa barbada’uun himameera
Qamni haleella kana raawwate kan hin beekamne yoo ta’u, miidhaan lubbu namaarra gahe akka hin jire beekameera
Konkolattoota jaha laguu gabaa fi mana ooluu didanirratti tarkaniiffiin akka fudhatame himameera
Magaalan Gondoriitti manneen daladala ,hoteelloonni fi wajjiiraleen mootummaa cufamanii akka oolaan ragaaleen mul’isaniiru
Jirattoonni magaala Gondoor gadhiifamu koloneel Dammaqaa Zawwuduu gammachuu isaanii ibsachaa mormii jalqabamees cimsanii itti fufaniiru
Namoonni kuma heddutti lakkawaman gara mana jireenya koloneel Dammaqaa zawwuduu imaluuf hiriirra akka turan himameera
Oduu biraan immo mormii ummata gondor wajjiin walqabatee mana hidhaa waayyaannee keessatti dararama kan turte absooftu Nigist Yirgaa mana hidhaatti gadhiifamun ishee himameera