Naannolee Kibbaa fi kibba baha Itoophiyaatti roobni Arfaasaa roobuu qabu waan hin roobneef balaan hongee babal’achuu akka danda’u dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.

Lammiilee Itoophiyaa Miliyoona 5.6 ta’an yeroo ammaa kanatti gargaarsi midhaan nyaataa hatattamaa isaan barbaachisu keessaa miliyoona 2.5 kan ta’an naannoo Oromiyaa keessatti akka argaman mootummaan naannichaa beeksiseera.

Komishiniin Ittisa balaa fi Qophaa’inaa Oromiyaa balaa hongee kanaan godinaalen sagal akka miidhaman beeksiseera.

Godinaaleen akka Booraanaa,Gujii, Harargee Bahaa fi Harargee Dhihaa akkasumas Arsiin Lixaa godinaalee adda durummaadhaan hongee haarofti kun miidhaa irraan gahuuf jiru jedhameera .

Yeroo ammaas jiraattota naannoo Oromiyaa balaa hongee kanaaf saaxilamaniif gargaarsi midhaan nyaataa kennamaafii akka jiru qondaaltonni naannichaa himaniiru.

Balaan Hongee ji’a Adoolessaa naannolee afur keessatti jalqabe kun naannoo Oromiyaa keessatti miidhaa guddaa dhaqqabsiisaa akka jiru beekameeti jira.

Kutaalee Kibbaa fi Kibba baha biyyattiitti roobni Arfaasaa yeroo ammaA roobuu qabu waan hin roobnef balaan hongee kun cimuu danda’a jedhameera.

Qonnaan bultoonni naannichatti argaman rakkoo kana hubachuun Omisha midhaanii yeroo gabaabaa keessatti gahuu danda’an irratti xiyyeeffachuu akka qaban dhaabbatichi waamicha dhiyeesseera.

Dhaabbileen Arjoomtotaa gama isaanitiin , gargaarsi midhaan nyaataa hanga barbaadamee fi yeroo barbaadametti gara biyyaatti kan hin galle yoo ta’e, rakkoon hawaasummaa Uumamuu akka danda’u hubachiisaniiru.

Qondaaltonni Mootummaa Itoophiyaa rakkoo hongee naannolee Afran qunname kana furuuf hojiin sadarkaa mootummaa federaalaa fi naannootti hojjatamaa jira jedhaniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Balaa hongee kana ittisuuf dolaariin Biliyoona tokkotti dhiyaatu akka barbaachisu beeksiseera.