Mormiin ummataa wajjiin walqabatee kisaaraa guddaan akka irra gahe companiini Baasiin Salaam fi warshaan Biiraa Dashiin beeksisan

Mormii ummataa wajjiin walqabatee, namoonni baasii Salaam fayyadamuu akka sodaatan hogganaan waldaa Tajajiila Baasii Salaam Obbo Hagoos Abbaay BBC sagantaa Amariffaatti himaniiru.
Sababa kanan galiin tajaajila Baasii salaam akka hir’ate dubbataniiru.
Dhiyeenyaas konkolatoonni Baasii Salaam Afur gara Bataskaana Gabri’eel Qullubii wayita imalan balaa irra gaheen foddaan isaanii akka caccabe obbo Hagoos himaniiru
Konkolatoonni Baasii Salaam lama immo kutaalee biyyaatti adda addaa keessatti akka gubatan dubbataniiru
Baasii salaam guutuu biyyaatti dandiiwwaan 17n tajajiila akka kennu kan himan obbo Hagoos sababa mormii ummataan tajajiila geejjibaa gara magaloota Afur kenna turan addan kutu dubbataniiru
Haaluma kanan tajaajila geejjibaa gara magaala Harar, Dirre- dhawaa, Jigjigaa fi Asoosaa kenna ture ji’oota sadeen darbanii jalqabee addan kutusaa himan
Kutaalee biyyaatti biroo keessatti rakkoon hin jiru jechu kan hin barbaanne obbo Hagoos dhiibaa guddaan akka irran hin geenye himaniiru
Mormii Ummata Gondor, dhiyeenya immo Walloo Urgeessaa fi naannoo Amaaraatti Godina Shawaa kaabaa Axayeetti miidhaan walfakkataan baasii Salamiirra gahee akka ture kan yaadatamudha.
Baasiin Salaam mallaqaa ummata Itoophiyaa waayyaanneen saameen kan hundeeffame yoo ta’u qabeenya Kampanoota Iffart keessa isa tokko ta’un ni beekama.
Oduu walfakkatuun, ajjeecha loltoonni Agaazii guyyaa tokkotti dargaggoota magaala Bahaar-Daar 60 irratti raawwatan wajjiin walqabatee duulli uggura kan irratti labsame Warshaan Biiraa Dashiiniis rakkoo keessa akka jiru himameera.
Warshaan Biiraa Dashiin magaala Bahaar-Daar keessatti dhiibbaa guddaan keessa akka jiru itti-aanaa hogganaan warshichaa obbo Mulugeetaa Maaruu BBC sagantaa Amariffaatti himaniiru
Warshichi kisaaraaf kan saaxilame ta’uu baatuus bu’aan argatu kan waggoota darbanii wajjiin yoo walbiraatti ilaalamu hir’achuusa obbo Mulugeetaan dubbataniiru
Bittaa rasaasaaf maallaqa hin kaffalu jechun tajaajila biiraa Dashiin irratti uggura labsuun sirri akka hin taane kan dubbatan obbo Mulugeetaan, warshichi akkuma dhaabbilee biroo mootummaadhaaf gibira qofa akka kaffalu beeksisaniiru
Naannoo Amaaraatti Konsartiin muuziqaa warshaan biiraa Dashiin qopheessu irratti yeroo adda addaa duula ugguraaan addan cituun kan yaadatamudha
Magaala Bahaar-Daar keessatti biiraa Dashiin dhuguun balaa akka qabu jiraatan tokko BBC amariffatti himaniiru.