Mormiin ummataa guddina diingdee fi galii damee turiziimii irra argamu akka hir’atuuf gumaacha olaanaa gumaachuusa beekameera.

Mormii Ummataa waggaa tokkoof haala adda ta’een cimee itti fufeen guddina diingdee Itoophiyaa harkaa laman ni guddata jedhamee tilmaame ture. Mormii Ummata kana booda guddinni diingdee biyyaatti dhibbentaa saddeetitti akka gadi bu’aaf sababa ta’uu toori oduu Afriikaa Niwuus jedhamu gabaaseera.

Diingdee Itoophiyaa waggoota kurnaan darban harkaa laman guddataa jira jedhamee odeeffamuuf sababa mormii ummataa wajjiin walqabatee yeroo jalqabatiif gara harkaa tokkootti gadi bu’uusa himameera.
Diingdeen Itoophiyaa bara faranjoota 2016 dhibbenta saddeetiin guddate jedhameera. Bara farnjoota 2017 foyya’insa tokko malee naannoo dhibbentaa 6.5 guddachuu akka maluu Fandiin Monitariniigii Addunyaa yookan IMF beeksiiseera.
Galiin biyyaatti daladala Alaa irraa argatu xiqqaa ta’uusa fi galiin damee Tuiziimii irra argatu akka malee laafuusa himameera. Hanqina sharafa wajjiin wal qabatee yeroo ammaa kuusaan sharafa alaa Itoophiyaan qabdu xiqqaa akka ta’e dhaabbileen Fayinansii addunyaa beeksiisaniiru
Kuusaan sharafa Alaa xiqqataa waan dhufeef humni bittaa birrii dadhabaa akka dhufe himameera. Kana malees liqii biyyaa alaa kaffaluu irratti miidhaa fidaa akka jiru ogeessonni diingdee beeksiisaniiru.
Labsiin yeroo hatattaamaa ji’a onkololeessaa labsame damee turiziimii irratti miidha guddaa waan qaqqabsiiseef galii sharafa biyyaa alaa Itoophiyaan argachuuf maltuu hambisuun sababa ta’eera.