Mootummaan Sawuud Arabiyaa Baqattoota Itoophiyaa kuma dhibba shanii ol humnan biyyaa akka hin baasne Dhaabbanni Humaan Raayiit Waach gaafate

Dhaabbanni Humaan raayiit Waach lammiileen Itoophiyaa dirqamsifamanii Saawud Arabiyaa akka hin baane mootummaa biyyaatti kadhateera.
Baqattoota Itoophiyaa keessa rakkoo diinagdeen kan baqatan jiraataniis irra caalaan isaanii gara biyyaatti deebi’uu kan soodataniif rakkoo siyaasaatiin akka ta’e Humaan Raayiit Waach beeksiseera.
Lammiileen Itoophiyaa gara biyyaa isaaniitti yoo deebi’aan ilaalacha siyaasa qabaniin mootummaa Itoophoyaa dararaa fi ajjeechaan irra gahuu akka malu dhaabbatichi ibsa baaseen beeksiseera.
Keessattu haalli Naannoo Oromiyaa keessa jiru baay’ee soodachiisa waan ta’eef baqattoonni kunniin gonkumaa dirqisifamanii gara biyyaatti deebi’uu akka hin qabne Humaan Raayiit Waach gaafateera
Lammiileen Itoophiyaa kuma dhibbbaa shan ol saawud Arabiyaa keessa eyyama malee jiraatan haala bulchiinsa mootummaa abbaa irree Itoophiyaa soodachuun gara biyyaatti akka hin deebine murteessaniiru.
Mootummaan Saawud Arabiyaa gamasatiin, lammiilee Itoophiyaa eyyama hin qabnee fi yeroo jedhame keessatti biyyaatti gadidhisaanii hin baane humnan gara biyyaatti akka deebisu beeksiseera.
Saawud Arabiyaan waggoota muraasan dura lammiilee Itoopohiyaa kuma 100 fi kuma 60 humnaan gara biyyaatti waan deebisteef rakkoo guddaan gahee akka ture ni yaadatama.
Tarkaniiffii biyyaatti fudhate kanan lammiileen Itoophiyaa ajjeeffamanii akka ture dhaabbatichi yaadachisuun ammas sodaa akka qabu ibseera.
Saawud Arabiyaan walgaltee dhaabbata mootummoota gamtomaanii namoota koolugaltummaa gaafataniif dawoo kennuu hin mallattesine jedhameera.
Waan kana ta’eef baqattoonni Itoophiyaa dararaa fi ajjeecha fuldura isaanii jiru jala miliquuf humnaa fi carraa akka hin qabne dhaabbanni Humaan Raayiit Waacha beeksiseera.
Mootummaan Itoophiyaa lammiileen eyyama jireenya Sawuud Arabiyaa hin qabne akka bahaniif dhiibaa gocha jiraatus yeroo jedhame keessatti lammiileen Itoophiyaa kuma 45 qofti gara biyyaa akka deebi’aan himameera.