Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo hatattamaa irratti foyya’iinsa taassisuusaa hordofuun gareen qorattoota mirga namoomaa Komishinii mootummoota gamtoomaniitiif eyyama akka kennu gaafatame.

Komishiniin Mirga namoomaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ajjeechaa fi hidhaa dimshaashaa naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame qaama walabaan akka qulqullaa’u mootummaa Itoophiyaa gaafachuun isaa ni yaadatama.

Mootummaan Itoophiyaas qaamni dhimma kana qulqulleessu jira jechuun gaaffii kana osoo hin fudhatin akka hafe beekameera.

Fooyya’iinsa taassifame jedhame kana hordofuun miseensota garee komishinii mirga namoomaa mootummoota gamtoomaniitiif eyyama akka kennu dhaabbanni Human Right Watch gaafateera.

Labsiin yeroo hatattamaa akka labsamuuf sababa kan ta’e mormii uummataa ta’uusaa dhaabbaticha yaadachiiseera.

Sababa kanaan lammiileen biyyattii kumaatamatti lakkaawaman loltoota mootummaatiin wayita ajjeefamanii fi kan hidhaman immoo manneen hidhaa keessatti reebamuusaanii beeksiseera.

Gochaa loltoonni mootummaa Itoophiyaa lammiilee nagaa irratti fudhatan kana Gamtaan Awurooppaa fi Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii balaaleffataniiru.

Tarkaanfiin gara jabeenyaa looltoota mootummaan fudhatame kun qaama bilisaan akka qulqulleeffamus mootummaa itoophiyaatiif gaaffii dhiyeessaa turaniiru.

Gareen qorattoota komishinii mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii sarbamuu mirga namoomaa naannoo oromiyaa keessatti raawwatame dabalatee bifuma walfakkaatuun akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2005 , 2007, 2009, 2011 fi 2015 gaaffii walfakkaatu mootummaa Itoophiyaaf dhiyeessuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee mootummaa Itoophiyaa irraa yeroo kamuu eyyama argachuu akka hin dandeenye ni yaadatama.