Mootummaan Itoophiyaa Labsii Daa’immaan guddifachaan gara biyya alaa fudhataman eyyamu ittise.

Labsiin Daa’immaan guddifachaan gara biyya alaa fudhachu eyyamukana ittisu kan barbaachiseef daa’immaanirra yeroo adda addaa miidhaan gaha akka jiru waan hubatameef jedhameera
Daa’immaan baay’een sababa guddifachaa biyyaa erga bahanii booda asi buuteen isaanii kan beekamne yoo ta’u, kan biroo immo maatii guddifachuuf fudhataniin miidhaa adda addaaf saaxilamu isaanii himameera
Akka lakkofasa warra faranjoota bara 1999 bood qofa da’immaan kuma 15 ol sababa guddifachaan gara Amerikaa akka fudhataman ragaaleen mul’isaniiru
Daa’immaan sababa guddifachaan biyyaa erga bahanii booda garuu sadarkaa maaliirra akka jiran waan beekamu akka hin jire himameera
Lammiileen Amerikaa Dhirsaa fi Niitiin akka lakkofsa warra faranjoota bara 2013 daa’imaa guddifachuuf Itoophiyaadha fudhatan ajjeessuun isaanii dhimma falmisiisaa akka ture ni yaadatama
Daa’immaan sababa guddifachaan qamoolee karaa seeraan alaa namoota naanneessaniif saaxilamun balaa adda addaan irra gaha akka jiru himameera
Mnni marii bakka bu’oota ummataa miidhaa daa’immaan irra gaha jiru xiyyeeffannaa keessa galchun labsiin guddifachaa alaa gutumaan gutuutti ittisuusa BBC gabaaseera.
Daa’immaan sababa adda addaan rakkoo saaxilaman biyyaa keessatti karaa ittin gargaaramu danda’amu akka mijeeffamuus himameera
Murtiin ittisa labsi guddifachaan daa’immaan gara biyyaa alaa fudhachu ittisu kun guddifachaa biyyaa keessa irratti rakkoo akka hin qabne himameera