Mootummaan Biiriteen Koonfaransii magaalaa Landanitti nageenya Soomaaliyaa irratti waa’ee Andargaachoo Tsiggee akka mari’atan Dhaabbanni mirga namoomaa Biyyaatti gaafateera.

Koonfaransiin addunyaa magaalaa Landanitti dhimma nageenya Somaaliyaarratti mari’atu kana irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Obboo Hayilamariyaam Dassaleeny hirmaacha jiru.
Obboo Hayilamariyaam koonfiransii kana madiitti Ministirra muummee fi Ministira Dhimma Alaa Biiriteen wajjiin ni mari’atu jedhame eegama.
Qondaltoonni Mootummaa Biiriteen kan Itoophiyaa wajjiin haala Andargaachoo Tsiggee mana hidhaa keessa gadi dhiifamuu danda’u irratti akka mari’atan dhaabbanni Mirgaa Namoomaa Biyyaatti waa’ee dhimma Andargaachoo Tsiggee hordofu gaafateera.
Minsteerri Dhimma Alaa Biiriteen dhimma Obboo Andargaachoo Tsiggeef xiyyeeffannaa gahaa hin kenniine jechuun miseensoonni Parlaamaa biyyaatti yeroo darbe komachun isaanii ni yaadatama
Mootummaan Biiriteen tarkaniiffii akka fudhatuuf dhaabbanni mirga namoomaaf falmu kun mallaattoo namoota kuma 10 waliitti qabun duula jalqabun isaas kan yaadatamudha.
Itti-hogganaan Dhaabbata Raappariiv Haart Maak Kilooch gamasantiin, mootummaan Biiriteen lammii biyyaatiif dursa kennun qondaltoota mootummaa Itoophiyaa magaalaa Landan jiran wajjiin dhimma Andargaachoo Tsiggee irratti mari’achu qaba jedhaniiru.
Koonfaransiin magaalaa Landanitti dhimma Soomaaliyaarratti mari’ata jiru kanarratti Itoophiyaa dabalatee hoggantoonni biyyoota gara gara hirmaachaa jiru.
Koonfaransii dhimma nageenya Soomaaliyaa irratti mari’atu kana Dhaabbata Mootummoota Gamtomanii fi Mootummaan Biiriteen wajjiin akka qopheessan gabaafameera.
Koonfaransicharratti hoggantoonni biyyoota loltoota isaanii Somaliyaatti nagaa akka kabachiisaniif bobbasan dabalatee deeggartoonnii fi dhaabbileen addunyaa argamaniiru.
Gamtaan Afriikaa loltoota biyyoota adda adda kuma 22 ol Somaliyaatti naga akka kabachisaniif kan bobbase ta’us. gareen riphe loltoota Al-Sheebaab garuu ammas nageenya biyyaatti gaanfa Afriikaatiif dhukkubbii ta’ee itti fufeera.