Miseensoonni Pooliisii Federaalaa Kutaa Ciisichaa Barattoota Yunivarsiitii Amboo Cabsanii seenuun barattoota akka miidhan yunivarsitichi beeksiseera

Barattoonni yunivarsitii Amboo muraasni gaafa ayyaana Qillee yookan muddee 29 bara 2010 mana nyaata keessatti walitti bu’uunii akka turan himameera.
Bariisaa gaafa muddee 30 bara 2010 buclhiinsi yunivarsitichaa bakka bu’oota barattoota fi barattoota hunda wajjii mari’achun dhimmicha tasgabeessuun nageenyi akka bu’u taasifamu xalayaa Pirezedaantiin Yunivarsiticha Ministeera barnootaaf bareessanirra hubatameera
Muddee 30 bara 2010 miseensoonni Pooliisii Federaalaa beekamtii yunivarsichaan alaa kutaa ciisichaa barattoota caccabsanii seenuun barattoota reebaanii miidhuun akkasumas qabeenya yunivarsitichaarra barbadeessu isaanii beekameera
Xalayaan Pirezedantiin Yunivarsitii Amboo Taddasaa Qana’atii minsiteera barnootaaf bareessan akka mul’isutti, miseensoonni Pooliisii Federaalaa moora keessa jiran eyyama tokko malee barattoota reebuun miidhaa qaamaa guddaa irran gahaniiru
Qabeenya yunivarsitichaas heddu caccabsuun akka barbadeessan xalayaa kanarra hubatameera
Bulchiinsi Yunivarsitii Amboo barattoota reebicha pooliisii Federaalaan miidhaa qaamaa guddaan irra gahee fi qabeenya yunivarsitichaa barbadda’e Amajjii 2 bara 2010 naanna’ee ilaalusa xalayaa kanarra hubatameera.
Bulchiinsi yunivarsitichaa marii gaggeesseen Poolisoonni Federaalaa kutaa ciisichaa barattoota cabsanii seenuun barattootarra miidhaa guddaa qaqqabsisaan fi qabeenya barbaddeessan seeraan akka gaafataman murtiira gahuusa beeksiseera.
Ministeerri Barnoota Miseensoota Pooliisii Federaalaa barattoota reebaanii miidhaa guddaa qaqqabsisanii fi qabeenya barbaddeessan kanniin seeraatti dhiyeessuun akka isaan gargaaru Pirezedantiin Yunivarsitii Amboo xalayaan gaafataniiru.
Bifuma walfakkatuun, Godina Gujii Lixaa magaala Bulee Horaatti miseensi pooliisii Federaalaa tokko konkolaata qabeenya Komishiinii Pooliisii Federaalaa ta’en nama ajjeessuun akka badee himameera.
Miseensi Pooliisii Federaalaa Itti-aanaa Saajiin Gaashaaw Laggasaa Sisaay jedhamu konkolaata konkolachiisa tureen magaala Bulee Horaatti nama ajjeessuun akka badee xalayaan Komishiniin Pooliisii Oromiyaa Pooliisii Federaalaaf muddee 25 bara 2010 bareesseerra hubatameera.
Manni murtii Godina Gujii Lixaa shakkamaan miseensa pooliisii Federaalaa kun bakka argameetti to’aanno jala akka oolfamu murteessuus asi buuteen isaa waan hin beekamneef Komishiniin Pooliisii Federaalaa akka dhiyeessu komishiniin Pooliisii Oromiyaa xalayaan gaafateera.