Miseensoonni Koree Eenyummaa Walaqaayiit Amaaraa manneen hidhaa keessatti dararri guddaan akka irratti raawwatamaa jiru himan

Miseesoonni Koree Eenyummaa Walaqaayiit Amaaraa mormii jirattoota Gondoor wajjiin walabatee hidhaman keessa lama qoft wayita gadhiifaman kan hafan mana hidhaatti dararamaa jiru
Abbaan murtii dhimma himatamtoota koree eenyummaa Walqaayiit Amaaraa ilaalan keessa tokko kan ta’an miseensi adda bilisa baasaa ummataa Tigraay obbo Zara’aay Waldasanbat yakka guddaa raawwachaa akka jiran himameera
Abbaan Seeraa Zara’aay Waldasanbaat dhimma isaanii akka hin ilaalle himatamtoonni gaaffii dhiyeessaniis furmaata argachuu hin dandeenye
Abbaan Murtii Zara’aay Waldasanbat tarkaniiffii haaloo bahuu fudhataniin mana hidhaa keessatti darara isaaniirratti raawwatamu dabaluusa himameera.
Miseensi Korichaa Abbaa seeraa Zara’aay Waldasanbaat irratti komii dhiyeessan obbo Mabraatuu Getahuun mana hidhaa keessatti rakkoo guddaan irra gahaa akka jiru mana murtiitti himaniiru
Guyyaa abbaan Seeraa Zara’aay Waldasanbaat irratti komii dhiyeeffatanii jalabee kutaa dukkanaa keessatti hidhamanii reebamaa akka turan obbo Mabraatuun himaniiru
Yeroo mana hidhaa Maa’ikalaawwii turaniis ijasaaniirra miidhaa guddaan akka gahe beeksisaniiru
Amma immoo hidhamtoota rakkoo fayyaa sammuu qaban wajjiin kutaa tokko keessatti waan hidhamaniif lubbuu isaaniif akka sodaatan dubbataniiru
Manni murtichaa mana hidhaa ajajuu kan hin dandeenye yoo ta’e, natti himaatii iyyaannoo koo naaf deebisaa jechun obbo Mabraatuun mana murtichaa gaafateera
Miseensoota Koree eenyummaa Walqaayiit Amaaraa obbo Mabraatuu Getahuun,Obbo Getaachoo Addamaa fi Obbo Atalaay Zaafee, gurraandhala 12tti beellamamaniiru
Miseensi Korichaa biroo dhimmi isaanii magaala Gondooriitti ilaallama jiru Koloneel Dammaqaa Zawwudee Gurraan dhala 9tti akka beellamamaan himameera.