Ministirri Muummee Hayilamariyaam Dassalaany xalayaa Aangoo Gadhiisuu galfatan

Ministirri muummee Itoophiyaa obbo Hayilamariyaam Dassalaany Itti gaafatamummaa isaaniirra fedhiin gadhiisuuf xalayaa akka galfatan beeksisaan
Obbo Hayilamariyaam xalayaa aangoo mootummaa gadhiisuu mana marii bakka bu’oota ummataaf akka dhiyeessan himaniiru
Manni marichaas gaaffii aangoo mootummaa fedhiin gadhiisuuf dhiyeessan kana akka fudhatu abdiisaanii ta’uu obbo Hayilamariyaam ibsa kennan beeksisan
Obbo Hayilamariyaam Dura taa’uummaa Waarraqsa tokkummaa ummattoota Kibbaarra ka’uuf xalayaan koree hojii raawwachistuu waarraqisichaaf dhiyeessan fudhatama akka argate dubbataniiru
Xalayaan isaanii Koree Giddugaleessaa waarraqisichaaf dhiyaatee ni ragga’a jedheen eega jedhan
Gaaffiin dura taa’uummaa Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaaf gadhiisuuf dhiyeessaniis koree hojii raawwachistuun fudhatama argachuusa beeksisaniiru
Hanga namni bakka isaanii bu’u filatamuutti hojiirraa akka turan obbo Hayilamariyaam dubbatan
Addi Dimokirasummaa Waarraqsa ummattoota Itoophiyaa rakkoo tasgabbii dhabuu siyaasaa biyyaatti furuuf tarkaniiffii fooyyaa’iinsaa adda adda fudhachuusa obbo Hayilamariyaam ibsa kanan yaadachisaniiru
Takaniiffii fudhataman kunniin akka milkaa’aaniif akkasumas qaama furmaata ta’uuf fedhiin aangoo gadhiisuuf addichaaf gaaffii akka dhiyeessan dubbataniiru.
Gaaffii isaanii koreen hojii raawwachistuu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa waan harkaa fuudheef ministiira muummee duraanii jedhamee akka waamamu abdiin qaba jedhan
Koreen Hojii Raawwachistuu Adda Dimokirasummaa Waarraqsa Ummattoota Itoophiyaa Gaaffii ministirra muummee Haayilamaariyaa Dasaalany aangoo gadhiisuuf dhiyeefatan raggaasuufiin himameera.
Manni Mariii bakka bu’oota ummataa immo gaafa Kamisaa walgahii hatattamaan taa’uun Ministira muummee haaraa ni muuda jedhamee eegama.