Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddaroota Shan gara biyyaatti waame.

Minsiteerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Amerikaatti Ambaasaddara Biyyattii Girmaa Birruu dabalatee Ambasaddaroota Shan gara biyyaatti waameera.

Bakka Ambaasaaddaroota Shanan gara biyyaatti akka deebi’an murteeffametti ambaasaaddaroonni haaraan dhiyeenya pirezedaantii biyyattii Dr Mulaatuu Tashoomaan muudaman akka ramadaman Gaazexaan Ripportar gabaaseera.

Amerikaatti Ambasaddarri Itoophiyaa Girmaa Birruu hanga tarkaanfiin hidhaa namoota malanmaltummaan shakkaman irratti fudhatamaa jiru tasgabbaa’utti sababa waldhaansa jedhuun turuu ni malu jedhameera.

Chaayiinaattii Ambasaddaara Itoophiyaa kan ta’anii fi miseensi Paartii Adda Bilisa baasaa Uummata Tigraay Obbo Siyyum Masfin Ambaasaddaroota gara biyyaatti akka deebi’an jedhaman keessatti argamu.

Akkasumas Ambasaddaroonni Itoophiyaa Beeljiyeem, Firaansii fi Ayerlaand kan ta’an obbo Tashoomaa Togaa, Obbo Naggaa Tsaggaayee fi obbo Reedwaan Huseen bifuma walfakkaatuun gara biyyaatti akka deebi’an murteeffameera.

Waggoota jahan darbaniif Chaayinaatti Ambasaddara Itoophiyaa kan turan obbo Siyyum Masfin kan bakka bu’an Ambaasaaddar Birhaanaa Gabrakiristoos akka ta’an maddeen oduu gabaasaniiru.

Waggoota 26n darbaniif chaayinaatti Ambaasaddaroota Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan miseensota Adda bilisa baasaa Uummata Tigraayiin ala dhalataan saba biroo hin jiran.

Chaayiinaatti Abnasaddooroota Itoophiyaa ta’uun Waggoota 26n darban tajaajilaa kan turan Doktor Addis Alama Balleemaa, Obbo Hayilekiroos Gassasaa fi Obbo Siyyum Masfiin akka ta’an ni beekama.

Amma immoo waggoota itti aanuuf Abaasaaddar Birhaanaa Gabrakiristoos bakka ni bu’u jedhamae eegama.

Obbo Kaasaa Taklabirhaan Amerikaatti Amasaddara Itoophiyaa Girmaa Birruu akka bakka bu’u himamus ambasaddaroonni shanan gita hojii maal irratti akka ramadaman waan beekame hin jiru.

Haa ta’u malee, Obbo Tashoomaa Togaa , obbo Naggaa Tsaggaayee fi Obbo Reedwaan Huseen ji’a Onkololessa dhufu keessa gita hojii ministeerummaa irratti ramadamuu ni danda’u jedhameera.

Ambaasaaddar Girmaa Birruu immoo dhaabbata qorannoo fi qo’annoo Imaammataa Obbo Abbaay Tsahaayyeen hogganamu keessatti ramadamuu kan malu yoo ta’u, obbo Siyyum Masfiin immoo umurii wajjin walqabatee sooroma bahuu jedhamee eegama.