Manni Murtii sirnaa bittaa itoophiyaa Namoota 23 garee shororkeessaa Al-Shebaab fi Alqaayida wajjiin hidhata qabu jedhe hidha hanga waggaa 15n akka adabaman itti murteesseera.

Himatamtoonni manni murtichaa hidhaa waggaa 3 hanga 15 itti murteesse kunniin 1 ffaa Ismaa’el Baqqalaa 2ffaa Sulxaan Ahmad 3 ffaa Ansuu Abduu Kadiriin dabalatee namoota 23akka ta’an miidiyaaleen gabaasaniiru.
Himaannaan Abbaa Alangaa akka mul’isutti himatamtoonni kunniin bara 2002 hanga 2006tti magaaloota akka Walisoo, Walqixxee, Jimmaa, Baddallee, Kamisee , Finfinnee fi iddoowwan biyyattii adda addatti gibirri kaffalamuu hin qabu jechuun ummata kakaasa turaniiru.
Kana malees mootummaa Islaamaa hundeessuu yaala turan jechuun abbaan Alangaa himateera.
Himatamaan 1ffaa garee shororkeessaa Al-shabaabii fi Alqaayidaa wajjiin hidhata uumuun miseensota filatee gara Somaaliyaatti erguun akka leenji’an gochuusa himannaa Abbaa Alangaa irra hubatameera .
Himatamtoonni kunniin garee shororkeessaa keessatti gurmaa’uun mootummaa Shariyaan geggeffamu hundeessuuf meeshaa waraanaa bituu, leenjii fudhachuun, gocha shororkaa raawwachuu jechuun abbaan alangaa himateera.
Akkausumas barreeffama qopheessuun, gocha shororkeessummaa raawwachuu , karoorfachuu fi miseensoota ta’uun yakka shororkeessummaa raawwatan jiru jechun abbaan Alangaa isaan himateera.
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa himannaa kana dhaggeeffachaa ture himatamtoonni kunnii yakkaa raawwataniiru jechuun hidhaa waggaa 3 hanga 15 akka adabaman itti murteesseera.