Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Hoggantoota Kongirasii Federaliistii Oromoo olaanoo Arfanirratti dabalataan hidhaa ji’a jaha murteesse

Manni Murtii Olaanoom Federaalaa hidhamtoota Siyaasa Oromoo galmee obbo Gurmeessaa Ayyaannoo jalatti himataman irratti murtii dhumaa dabarsuuf Amajjii 28 bara 2010 beellamee ture.
Akkatadhuma beellama mana murtichaan hidhamtoonni siyaasa galmee kana jalatti himataman mana murtichaatti argamaniis dhimmi isaanii murtii dhumaa argachuura shira biraa xaxameen yeroo biraatti beellameera
Hoggantoonni olaanoo Kongirasii Federaliistii Oromoo 4ffaan abbootiin murtii yeroo seenaan ka’anii dhaabbachuu fi maqaan isaanii wayita waamamu owwaachuu didaan jedhamanii dabalataan hidhaa ji’a jahaa itti murtaa’eera.
Manni murtichaa sababa “teessoo isaaniirra ol ka’aanii nu hin kabjine” jedhun hidhamtoota siyaasa oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa, Obbo Dajanee Xaafaa ,obbo Gurmeessaa Ayyaannoo fi Obbo Addisuu Bullaallaa hidhan ji’a jaha dabalatan itti murteesseera
Hidhamtoonni Siyaasa arfaan wayita maqaan isaanii waamamu harka ol qabuun jiraachu isaanii dhaddachichaaf mirkaneessuu isaanii abukatooni isaanii himaniiru
Hidhamtoonni gocha hojii mana murtichaa gufachiisu hojjatanii osoo hin taane kabaja dhuunfaa abootii seeraaf teessoorra ka’anii dhaabbatanii kabajuu didan jechun adabbiin hidhaa ji’a jahaa murteessuun sirni haqaa biyyattii hangam akka gadi bu’ee kan mul’isu ta’u abukatoonni isaanii Obbo Abduljabbaar Huseen BBC afaan Oromootti himaniiru.
Manni murtichaa kana duraas sababa dhaddachaa jeeqaan jedhun hidhamtoota Siyaasa Oromoo arfaan irratti adabbii hidhaa ji’a jahaa murteessuunn kan yaadatamudha.
Hidhamtoonni kana duraa waan dubbataniif sababa dhaddacha jeeqaan jedhun waan itti murteeffame teessoo isaaniirra akka hin kaane garaa Abukatoo isaaniin dhaddachicha beeksisaniiru
Abukatoonni hidhamtootaa ka’anii dhaddachaa fulduura yoo dhaabbatan hidhamtoonni dhaabbachuun sirrii akka hin taane abukatoonni isaanii mormaniis fudhatama hin arganne
Oduu biraan immoo, Itti aanaa Dura Taa’aan Kongirasii Federaliistii Oromoo Obbo Baqqalaa Garbaa ammas gara mana yaalaa deemaanii waldhaanamu waan hin dandeenyeef fayyaan ija isaanii sadarkaa yaaddeessaarra gahaa akka jiru himameera.
Obbo Baqqalaa Garbaa dhiibbaa dhiiga isaanii waan dabaleef hatattamaan yaalamu akka qaban ogeessoonni fayyaa itti himaniiru
Obbo Baqqalaan hatattamaan gara mana yaalaa dhuunfaa Biruh Viizhiin(Biruh Vision)jedhamu deemaanii akka waldhanamaan ogeessoonni Fayyaa Ijaa Hospitaala Miniliik itti himaniiru
Bulchiinsi mana hidhaa Qilinxoo garuu hospitaloota mootummaa yoo ta’e malee kan dhuunfaatti akka waldhanamaniif hin eyyamnu waan jedheef sadarkaan fayyaa ija bitaa Obbo Baqqalaa Garbaa yaaddeessaa ta’eera.