Manni Murtii Olaanoo Federaalaa Himaannaa Hoggantoota Kongrasii Federalawaa Oromoo irratt murtii kennuuf ammas guyyaa biraatti dabarseera.

Abbaan Alangaa mootummaa Itoophiyaa hoggantoota Kongrasii Federalawaa Oromoo mormii ummata oromoo wajjiin walqabatee hidhaman yakka Shororkeessummaan erga himatee waggaa tokko ol ta’eera.
Yaa ta’u malee, abbaan Alangaa ragaa namaa fi sanadaa yeroon qindeessee waan hin dhiyeesneef himaannaan isaanii murtii seeraa argachuu hin dandeenye.
Manni Murtii Olaanoo Federaalaa yeroo adda addaa hoggantoota paartiichaa beellamee deddebisaa turuus beellama gaafa wixaata tureen jala murtii ni kenna jedhamee eegamee ture
Manni Murtichaa ammas sababa hin xummure jedhuun hoggantoota Olaanoo Kongrasii Federalawaa Oromoo gaafa waxabajjii 16 bara 2017tti akka beellame abukatoonni himatamtoota ibsaa Raadiyoo Sagalee Amerikaa Sagantaa Afaan Oromootif kennan irraa baruun danda’ameera.
Ragaalee namaa fi sanadaa dhiyaatan ilaalun murtii kennamuu bareessuun kan jalqabame ta’us, xumuruuf yeroo dabalataa akka barbaachisu manni murtichaa beeksiiseera.
Himatamtoota fi Maatii isaanii deddebisuu irra ji’a yookan waggaa tokkos yaa fudhatu gaafuma xumurtaan waama nutti hima jechuun Obboo Addisuu Bullaallaa Mana Murtii akka gaafatan Abukatoon isaanii Abduljabaar Huseen dubbataniiru.
Himatamaa Obboo Dajanee Xaafaa gamasantiin, manni murtii dhiibaa qabu waan beeknuuf bilisaa ta’ee murtii akka nuu kennu jechuun gaafataniiru.
Abbaan Alangaa Mootummaa Itoophiyaa Hoggantoonni Olaanoo fi Miseensoonni Kongrasii Federalawaa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa ,obboo Gumrmeessaa Ayyaanoo , obboo Dajanee Xaafaa fi Addisuu Bullaallaa dabalatee namoota 22 yakka shororkeessummaan himachuun kan yaadatamudha.
Bifuma walfakkatuun Abbaan Alangaa Federaalaa himatamtoota saba Oromoo biroo 13 ji’oota sagaliin booda yeroo jalqabatiif yakka shororkeessummaan himateera.
Himatamtoonniis mana murtii federaalaa dhadacha 19ffaa tti yeroo jalqabatiif dhiyaachuun yakki itti himataman isaaniif dubbifameera.
Lammiileen Oromoo Abbaan Alangaa yakka shororkeessummaan himate 13n kunniin irra caalaan isaanii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaatii kan qabaman jedhameera.
Himatamtoota keessa namni tokko teessoon isaa magaalaa Finfinnee yoo ta’u, Dubartiin tokko immo magaala Amboo ta’un himameera.
Himatamtoonni kunniin ji’oota sagaliif mana murtiitti osoo hin dhiyatiin mana hidhaa keessatti dararamaa kan turan.
Gochi kun mirga namni tokko erga hidhamee booda yeroo muraasaa keessatti mana murtiitti dhiyaachuu akka qabu seera biyyaatti tumame kan diiguu ta’u ogeessonni seeraa himaniiru.