Manni Murtii Olaannoo Federaalaa Obboo Baqqalaa Garbaa mirga wabii dhoorkate.

Mannii murtii Olaanoo Federaalaa Gaaffii Mirga Wabii Obboo Baqqalaa Garbaa ilaaluf sababa adda addaan dhiyeessuun lafarra harkiisa tureera.
Itti-aanaa Hogganaan Paartii Kongiraas Federalaawa Oromoo Obboo Baqqalaa Garbaa yakki idilee ittin himataman mirga wabii kan dhoorkuu waan hin taaneef gaaffii mirga wabii dhiyeessan fudhatama dhabeera.
Abbaan Alaangaa Federaalaa Gaaffii mirga wabii obboo Baqqalaa Garbaa akka hin eyyamamne mana murtiichaa gaafachuun ni yaadatama.
Mannii Murtii Olaanoo Federaalaa beellama hedduu booda dhadacha gaafa guyyaa Kamisaa ta’een obboo Baqqalaa Garbaa mirga wabii dhorkateera.
Mannii murtichaa obboo Baqqalaa Garbaa mirga wabiin kan dhoorkateef mana hidhaati yoo gadi dhiifamanii jeequmsa kakasuu malu jechun akka ta’e himameera.
Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee namoonni baay’ee mana murtiitti argamanii adeemsa murtii hordofaa turan murtii kenname akka isaan gaddisisee himame
Obboo Baqqaalaa Garbaa mirgi Wabii erga dhoorkatamanii booda yaada kennaniin ”Dhugaan ni dubbatamti, Kana eegneen ture, Sirni haqaa ni hojjata jedhee xiqqoo abdadheen ture,Garuu har’a akkaan ani eegeetti hin deemne gara fulduraattiis yeroo muraasaaf ta’u mala” jedhan
Gara Dhadachaatti kan deddebi’aaniif sirni haqaa biyyaatti maal akka fakkatu ummata Itoophiyaatti mul’isuuf waan ta’eef akka isaaniif milka’ee Obboo Baqqalaa Garbaa himaniiru.
Obboo Baqqalaa Garbaa mirgi wabii erga dhoorkatamanii booda Onnee guutuun abbootii murtii mootummaa waayyaanneen “duruu dhadacha kanarraa haqaa hin eeguu , murtii kun baay’ee nan dinqisiisu, kanumaan eegaa ture” jedhan
Abbaan Alangaa Federaalaa Obboo Baqqalaa Garbaa dabalatee hoggantoota olaanoo Paartii Kongiraasi Federalaawa Oromoo biroo sababa mormii ummataa oromoo wajjiin walqabatee yakkaa shororkeesummaan himachuun kan yaadatamudha.
Mannii Murtii Olaanoo dhimmaa hidhamtoota Siyaasa Oromoo ilaala ture obboo Baqqaalaa Garbaa yakka idileen akka himataman murteessun ni yaadatamudha.
Mannii murtichaa Hidhamtoonni Siyaasa 16 immoo yakka shororkeessummaa ittiin himatamn akka ofirra ittisan murteessun shan bilisaan gaggeessee ture
Adeemsa Murtii gaaffii mirga wabii Obboo Baqqalaa Garbaa hordofuuf obboo Bulchaa Damaqsaa dabalatee namoonnii baay’een argamaniiru.
Sababa Dhadachi hidhamtootan guutame jedhun namoonni Adeemsicha hordofuuf dhaqaan dhadacha irratti akka hin hirmaanne dhoorkamaniiru
Mannii Murtii Federaalaa ragaalee ittisaa obboo Baqqalaa Garbaa fi hidhamtoota siyaasa 16n Hagayya 14 hanga 18 bara 2017 dhaggeeffachuuf akka beellame gabaafameera.
Obboo Baqqalaa Garbaa ragaa tikoonni mootummaa sobaan qindeessaniin badii tokko malee bara 2003 hidhaa waggaa shanii itti murteeffamee xumuranii akka bahaan ni yaadatama.