Manni Murtii Ijipt himatamtoota 21 du’aan akka adabaman murteesse

Manni murtii Ijipti himatamtoota 21 buufata poolisii magaala Damaayiitaa qarqara galanaatti argamtuu fi ujumoo boba’aarratti yakka shorokeessummaa raawwatan jedhamanii himataman du’aan akka adabaman itti murteesseera.
Himatamtoota manni murtichaa du’aa akka adabaman itti murteesseee 21 tokko keessa 16 bakka hin jireetti akka itti murta’ee himameera.
Manni murtichaa himatamtoota biroo 4 hidhaa waggaa 25 akkasumas sadii immoo hidhaa waggaa 15 akka adabaman itti murteesseera
Pirezedantiin biyyaatti duraanii Hoosnii Mubaraak dhiibbaa ummataan aangoo erga gadhisaanii booda Mohammad Mursiin seenaa Ijipti keessatti yeroo jalqabaaf Pirezedantii biyyaatti ummataan filataman akka ture ni yaadatama .
Mohammaad Mursiin aangoo Pirezedantummaa qabatanii hangamuu osoo hin ture Jeneraal Abdul fattaah Al-Siisiin aangoorra fonqolfamanii mana hidhaa darbatamaniiru.
Jeneraal Albdul Fattaah Al-siisii aangoo pirezedantummaa erga qabatanii boda manneen murtii Ijipt lammiilee biyyaatti yakka shororkeessummaan himataman irratti murtii adabbii du’aa murteessuun beekamaniiru
Gamtaan Awurrooppaa murtiin adabbii du’aa manneen murtii Ijpipt lammiilee biyyaatti irratti murteessan kun akka isa yaaddesse beeksisuun ni yaadatama