Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa Labsii Yeroo hatattamaa akka Kaafamu murteesse.

Manni Marii Bakka Bu’oota Itoophiyaa walgahii Ariifachiisa taa’een labsii yeroo hatattamaa akka kaafamu murteesseera.
Mootummaan Itoophiyaa mormii Ummata Oromoo mirgi abba biyyummaa akka kabajamuuf daangaa hanga daangaatti gocha ture tasgabeessuu waan dadhabeef labsii yeroo hatattamaa labsuun ni yaadatama.
Mirmii Ummataa Oromoo waggaa tokkoo ol ture kun gara naannoo Amaaraatti babal’achuun Magaala Gondor , Bahiir-Daar fi Dabramarqoos akkasumas godinaalee naannichaa hunda walgahuun mootummaa waayyaannee raasaa tureera.
Akkasumas Naannoo Ummattoota kibbaa Ummata Koonsoo fi Geedi’oo mormaa turaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gaaffii mirga karaa nagaan hiikuu waan hin dandeenyeef humna waraanaatti fayyadamuun ukkamsuuf labsii yeroo hatattamaa labseera.
Labsii yeroo Hatattamaa kanan lootoonni mootummaa lammiilee nagaa baay’ee kan ajjeessan yoo ta’u, namoota kuma 25 ol immoo giddugalaa leenjii loltummaa keessatti hidhuun dararaa turaniiru
Mootummaan Labsii yeroo hatattamaa kanatti fayyadamuun miseensoota paartii moormitootaa,Artistoota gaazexxestoota fi namoota mirgi namoomaa akka kabajamuuf qabsa’aan hunda hidheera.
Haayyuun Siyaasaa fi hogganaan Paartii Kongiraas Federalaawa Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa dabalatee Itti-Aanaa Hogganaan Paartiichaa Obboo Baqqalaa Garbaa fi hoggantoonni biroo sababa mormii ummataan hidhamaniiru
Mootummaan Labsiin yeroo hatattamaa kana sagalee ummataa ukkamsuuf kan itti fayyadame ta’uus diinagdee biyyaatti akka miidhe ogeessonni diinagdee himaniiru.
Keessattu galiin sharafa alaa biyyaatti damee Turiziimiirra argatu labsii yeroo hatattamaan kanan akka malee hir’ateera.
Manni marii bakka bu’oota Ummataa walgahii ariifachiisa gaafa jimaata ta’een mormiin ummata waan tasgaba’eef labsiin yeroo hatattamaa ji’oota kurnaan darbaaniif sagalee ummata ittin ukkamsuuf fayyadama turan akka kaafamu murteesseera
Bifuma walfakkatuun manni mariichaa muudama ministiroota haaraa 3 raggaaseera.
Ministiroonni muudamni isaanii ragga’eef Obbo Kabbadaa Caannee, Ministiira Dhimma Federaalaa fi Misooma Horsiisee Bulaa ,Dooktar Xilaayee Geetee, Ministira Barnootaa fi Obbo Mogas Baalchaa, sadarkaa ministiraatti daayreektara olaanaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Ityoophiyaa akka ta’an gabaafameera.