Manneen waliin jireenya sagantaa 40/60n Namoonni abbaa ciisicha tokkoo irratti galma’aan gochi faallaa heeraa mootummaa akka irratti raawwatame himan

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Manneen waliin jireenyaa sagantaa 40/60n ijaaraman 972 tibbaana carraa itti baaseeraa.
Mootummaan Sagantaa manneen waliin jireenyatiif irra deebiin bara 2005 galmee jalqabee ture.
Haaluma kana Sagantaa 40/60n abbaa ciisicha tokkof galma’aanii qusachaa kan turan ta’uus carraa Adoleessa 1 bara 2009 bahe keessa abbaan ciisicha tokkoo akka hin jire himameera.
Carraa kana keessa manni abbaa ciisicha tokko hin jiru jechuun gocha heeraa mootummaa faalleessu akka ta’e namoonni galma’aanii qusachaa turan dubbataniiru
Gochi Bulchiinsi magaalaa Finfinnee carraa manneen waliin jireenya baasuu irratti raawwate Heeraa Mootummaa Keeyyata 25 Namni hundu seeraa fulduraatti walqixa waan ta’aniif garagarummaa tokko male eggumsi seeraa ni taasifamaaf jedhu akka diiguu himaniiru.
Akkuma jirattoota magaalaatti hunda hanga humni isaaniin danda’uun irratti galma’uun kan qusatanii fi qusachaa akka jiran jirattoonni himaniiru
Yaa ta’u malee, bulchiinsi magaalaatti abbaa ciisicha tokkoo carraa keessa akka hin jire beeksisuun dhiittaa mirgaa faallaa heera mootummaa akka ta’e Gaazexxaa Rippoortariitti himaniiru.
Waggoota arfan darbaniif osoo addan hin kutiin qusachaa akka jiran himaniiru. Gamoowwaan manneen waliin jireenya bakka Kirawuunii fi Sangaa -Taraa jedhamutti ijaaramanii xummuraman keessa abbaan ciisicha tokkoo akka hin jire oduun dhaga’aa turaniiru.
Manneen waliin jireenya kunniin irratti carraan wayita bahu oduun dhaga’a turan dhugaa ta’usa himaniiru.
Gochi kun lammiilee biyyaatti gidduttii walqixummaa osoo taane olantummaa akka jiru mirkaneeffachuuf akka isaan gargaare beeksisaniiru. Mootummaan Ol eenyu amanuun danda’ama jedhaniiru.
Mootummaa amanuun mana kiraa keessa bahuuf jecha nyaata maatii isaaniirra hir’isuun qusachaa erga turan booda carraan ala ta’uun baay’ee akka isaan gaddisiise himaniiru
Bulchiinsi Magaalaatti fi Baankiin Daldala Itoophiyaa Manneen 972 tibbaan carraa kan itti baasaan yoo ta’u, abbaan ciisicha 4, 3 fi 2 qofa akka ta’es himameera
Abbaan ciisicha 4 carraa keessa waan hin jireef namoonni abbaa ciisicha 3f galmaa’aan tilmaama manichaa kaffalaanii fudhachuu akka danda’aniis himameera.
Manneen abbaa ciisicha afur kanniin namoonni tilmaama kaffalanii fudhatan kan hin jire yoo ta’e,mootummaan gatii manichaa kaffalee akka fudhatu himameera.
Bakka Namoonni Abbaa ciisicha Afur galma’aanii qusataan hin jireetti manneen abbaa ciisicha afurii 324 maaliif ijaarub maaliif akka barbaachise waan jedhame hin jiru