Mana murtii federaalaa dhaddachaa Aaraadaa Dr. Marara Guddinaa guyyota qorannoo dabalataa guyyoota 28 ti dabarsan.

Manni Murtii Federaalaa Itoopiyaa dhimmaa Dr mararaa ilaalu, qorannoo dabalataa gochuudhaaf gaaffii Pooliisiin dhiheessee fudhachuudhaan Dr mararaan guyyoota 28tif akka qorannoo jala turan ajajuun isaa beekameera.
Pooliisiin dhimmaa isaanii qorachaa jiru Dr Maraaraa Guddinaa yakka shororkeessummaa irratti hirmaachuusaanii qorannoo adda adda qorachaa akka jiru dhaddachaatti himuusaa gaazexxaan Addiis Standard jedhamu gabaaseera.
Yaa ta’u malee, hogganaan Paartii Kongiraasii Federalisiitii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa Umirii isaanii guutuu miidhaa jeequmsa fi shororkeessummaa qabu barsiisaa akka turun beeksiisuun yakkaa pooliisiin isaan ittiin himate kana mormaniiru.
Dr Maraaraa Guddinaa kamisa sa’aa booda mana murtii federaalaa dhaddachaa Aaraadaatti wayita dhiyaataan dippilomatoonni teessoon isaanii Finfinnee ta’ee, maatiin isaanii fi deggartoonni isaan haala dhaddachaa hordofuuf kan argaman ta’uus pooliisoonni gara dhaddachaa seenaan akka hin hordofneef ittisaaniiru
Dr Maraaraa Guddinaa parlaamaa gamtaa awurrooppaa irratti afeeraman waa’ee qabiinsa mirgaa namomaa fi haala waliigala siyaasa Itoophiyaa ragaa bahaanii gara biyyaatti wayita deebi’an loltoota mootummaan hidhamuun isaanii ni yaadatama.
Hidhamuu Dr Maraaraa Guddinaa booda Mootummaan Amerikaa fi Gamtaan Awurrooppaa akka isaan yaadeesseefi mootummaan Itoophiyaa dhimmaa Ittiin himataman ummataatti akka himu gaafachaa jiru
Yaroo lammaaffaaf mana murtiitti kan dhiyaatan Dr Maraaraa fi Abukatoonni isaanii yakka shororkeessummaa Mootummaan Itoophiyaa ittiin isaan himate kana mormaniiru.
Mannii murtichaas guyyota qorannoo dabalata 28 Pooliisiin gaafate ayyaameef jira.
Mootummaan Itoophiyaa gocha ittin hidhamtoota mana hidhaatti murtii tokko malee ittin daraaruu keessaa guyyoota qorannoo dabalata jechuun guyyoota baay’ee itti gaafachuun akka ta’e ni beekama.
Mannii murtiis guyyaa Pooliisiin itti gaafatu osoo hin hir’isnee hundaa eyyamuun hidhamtoonni akka daraaraamaniif gumaachaa akka jiru haala adeemsa hanga amma jiru irra hubachuun ni danda’ama
Pooliisiin Federaalaa Itoophiyaa guyyoota murasaan dura xalayaa baankootaaf bareesseen Dr Maraaraan waggaa darbe maallaqaa namaaf ergan akkasumas kan isaaniif ergame gabaasa akka dhiyeessan akka ajaaje beekameera.
Mootummaa Itoophiyaa Dr Maraaraan labsii yeroo hatattaamaa waan darbaniif hidhaman jecha turus amma garuu yakkaa itti himataman gara shororkeessummaatti fiduuf tattafaachaa akka jiru huubatameera.