Magaalaa Finfinnee dabalatee Magaalota gurguddoo naannolee keessatti koreen qaamolee daldala sharafa maallaqa alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfii fudhatu hundeeffameera.

Ajaaja wajjira Ministeera Muummetiin Koreen torban tokko dura hundeeffame kun qaamolee daldala sharafa maallaqa alaa irratti hirmatanii jiran irratti tarkaanfii ni fudhata jedhameera. Qamooleen kunniin biyyattii hanqina jijjiirraa sharafa maallaqa biyya alaatif akka saaxilamtuuf waan gumaachaa jiraniif tarkaanfii cimaan akka irratti fudhatamu gaazexaan kaappitaal jedhamu gabaaseera.
Giddu galli Nageenya Faayinaansii qorannoo qorateen jijjiirraa sharafa maallaqa alaa seeraan alaatin maallaqni biyya alaa baay’en karaa seeraan alaatin biyyaa bahaa akka jiru mirkaneesseera.
Namoonni dhimmoota gara garaa gara biyya keessaa galanii fi namoonni maallaqaa biyyaa alaatiin kafaltiin kaffalamuuf jijjiirraa sharafa maallaqa biyyaa alaa kanaaf gumaachuusanii hogganaan Gidduu Galaa Nageenya Faayinaasii obboo Gammaachuu Wayyoomaa himaniiru.
Konkolachistoonni, Dallaalonni fi qaamoleen biroo jijjiirraa sharafa alaa kana irratti hirmaachuusaanii obboo Gammaachuun dubbataniiru.
Koreen amma hundeeffame kun naannoo daangaa dabalatee iddoolee gara garaatti tarkanfii akka fudhatus himaniiru
Qondaltonni mootummaa hanqina sharafa alaa ilaalchiisuun ibsa kennaniin, biyyoonni giddu gala bahaa maallaqa isaanii Itoophiyaa akka kawwataniif hojii mariisisuu jalqabamuu himaniiru.
Garagarummaan jijjiirraa maallaqa Baankootaa fi jijjiirraa sharafa seeraan alaa guddachaa waan dhufeef namoonni jijjiirraa maallaqa seeraan alaa akka filatan himameera.
Baankonni mootummaa fi dhuunfaa Dolaarii Ameerikaa tokko birrii 22 fi saantima 35’n bitaa kan jiran yoo ta’u, daldaltoonni jijjiirraa maallaqa seeraan alaa immoo Dolaarii tokko Birrii 27 bitaa akka jiran beekameera.
Ogeessonni Diinagdee gama isaanitiin, tarkaanfii mootummaan kana dura jijjirraaa maallaqa seeraan alaa irratti fudhate bu’aa qubsaa hin fidne jedhaniiru.
mootummaan rakkoo kana furuuf hanga maallaqni alaa ittiin bitamu dabaluu akka qabu hubachiisaniiru.
Baankin addunyaa biyyattiin hanqina jijjiirraa maallaqa biyya alaa qunname keessaa bahuu fi invastimantii biyya alaa hawwachuuf bittaa birriin dolaarii wajjin qabu guddisuu akka qabdu gorsee turee.
Mootummaan Itoophiyaa garuu tarkaanfiin kun bu’aa isaa irra miidhatu caala jechuun gorsa kana akka hin fudhanne beeksiisuun isaa ni yaadatama.