Magaala Gondaritti boombiin Hoteela tokko irratti darbatame lubbuu nama tokkoo galaafate

Magaalaa Goondari kutaa Magaalaa Maaraakii Ganda 18 jedhamee waamamutti boombii Hoteela Intaasol irratti darbatamen namni tokko yoo du’u, namoota 19 irra miidhaa salphaa fi cimaa akka gahe himameera.
Balaa kanan booda Itoophiyaatti Imbaasiin Amerikaa hojjattoonni Imbaasiicha gara Gondoritti akka hin imale akeekkachiiseera.
Imbaasiich balaa gahee hordoffaa akka jiru fi lammiileen biyyaatti gara Itoophiyaa kan deeman yoo ta’e, balaan irra gahuu danda’a jedheera.
Qoqqophiin hojjattoonni Imbaasiichaa gara Gondoor akka hin deemne ka’aame kun yeroo hin murtofneef akka turu weeb saayiitiin Biiroo Nageenya Dippilomatoota Ministeera Dhimmaa Alaa Amerikaa irra hubachuun danda’ameera.
Balaa Boombii kanan namni tokko yoo du’u, namoota 19 irra miidhaa salphaafi cimaan akka irra gahe komishiniin pooliisiin magaalaatti Raadiyoo Faanaatti himeera.
Lakkofsa namoota miidhamanii ilaalchisee gabaasni adda addaa gaabafama jira. Ministeerri dhimma Alaa Biiritaniiyaa balaa kana ilaalchiisee ibsa baaseen namoota jaha irra balaan akka gahee fi namni tokko akka du’e beeksiiseera.
Lammiileen biyyaatti Itoophiyaa keessa jiran akka of eegaan minsteerri dhimma alaa Biirteen akeekkachiiseera.
Bifuma wwalfakkatuun torbee darbee magaala Bahaar- Daariitti balaa dhohiinsa boombii wajjiin walqabatee mootummann Biirteen lammiilee isaaf erga walfakkatu dabarsuun ni yaadatama.
Magaalaa Gondoriitti sababa balaa dhohiinsa boombii kana wajjiin walqabatee namoonni tokko tokkoo qamoolee mootummaa shakkaa jiru . Qamooleen Mootummaa namoota yakka kana wajjiin walqabsiisuun hidhun hawaasa addunyaaf erga dabarsuuf jedhaanii akka shakkaan himaniiru. Boombii magaala Bahaar Daariitti dhohee ture namoota nagaa irratti kan xiyyeeffate akka hin turees beeksiisuun