Magaala Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Nifaas-Silk Laaftootti Hogganaa Aanaa 10n kan ture dargaggoo Ayyaalaa Baayyaannaa darara guddaa mana hidhaatti irra gaheen du’aan Addunyaa kanarraa boqate

Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas-Silk laaftootti hogganaa ganda 10 ture.
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa Saboonaa fi nama gidiraa saba isaa irra gahuu calliisee ilaallu hin barbaannee fi hojii isaatti cimaa ta’e akka ture himameera.
Tikoonni Mootummmaa Itoophiyaa qajeelfamoota,Murtii fi Haala Nagaa qondaltoonni mootummaa Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa mastar pilaanii Godina addaa Oromiyaa fi Finfinnee ilaalchisuuun walgahii irratti dabarsan qaama biraaf kennita ittin jechun kan hidhan
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa fi hidhamtoonni Oromoo biroo 7 mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti ji’oota sagaliif erga hidhamanii booda mana murtiitti dhiyaachuun isaanii kan yaadatamudha.
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa fi dargaggoonni Oromoo biroo mana hidhaa Maa’ikalaawwiitti kutaa dukkanaa keessatti akka hidhamanii turan,reebamuu fi maatii isaanii wajjiin akka wal hin argne ittisamu Mana Murtichaatti himan turan.
Dargaggoo Ayyaalaan fi kan biroo mana hidhaa maa’ikalaawwiitti ji’oota sagaliif erga dararamanii booda gara mana hidhaa Qilinxootti dabarfamaniiru
Ayyaalaan Mana hidhaa Qilinxoo keessatti dhukkubsachaa kan ture yoo ta’u, mana yaalaa deemee waldhanamuuf gaaffiin bulchiinsa mana hidhichaaf dhiyeessa ture fudhatama hin argane.
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa bulchiinsi mana hidhichaa mana yaalaa deemee akka akka hin waldhaname waan dhoorkeef akka du’e dargaggoonni Oromoo isa wajjiin hidhaman Adoleessa 18 bara 2009 Mana Murtii Olaanoo Federaalaatti himaniiru
Hidhamtoonni Oromoo kunniin ji’oota 4n labsiin farra shororkeesummaa eyyamun ala dabalataan ji’oota shaniif waliigalaatti ji’oota 9f mana hidhaa maa’ikalaawwii akka turan mana murtiichaatti himaniiru.
Daragaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa yeroo dheeraaf dhukkubsachaa akka turefi waldhaansa akka hin arganne himaniiru
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaa wajjiin obboleessa isaa xiqqaa Boonsaa Bayyaanaa , Malkaamuu Kinfaa, Yimaam Mahammad, Kumarraa Xilahuun, Mayaad Ayyaanaa fi Muluunaa Daargee hidhamaniiru.
Dargaggoo Ayyaalaa Bayyaannaa darara guddaa mana hidhaa keessatti irra gaheen Adoleessa 24 bara 2017 lubbuun isaa akka dabarte gabaafameera.
Sabontoonni Oromoo Magaala Finfinnee reefa dargaggoo Saboonaa Ayyaalaa Bayyaanaa Hospitaalaa Paawuloos gara bakka dhaloota isaa Godina Wallagga Lixaa Aaanaa Gidaamiitti kabajaan gaggeessaniiru.
Sabni Oromoo biyyaa keessaa fi biyyoota alaa adda adda keessa jiraatan gaddaa guddaa du’aa dargaggoo Ayyaalaa Bayyaanaan itti dhaga’amee, jalaala fi kabajaa isaaf qaban bifa adda addaan ibsachaa jiru.