Magaala Arbaa Mincii keessatti jiraattotaafii Poolisoota federaalaa giduu rakkoon uumame.

Magaalaa Arbaa Mincii keessatti bakkeen Gurbaa jedhamu bulchinsa mootummaa durii tiin bakkee buufata waraanaa ta’uuf akka yaaddametti himama.

Haata’uuti garuu, erga mootummaan Woyyaanee angoo dhunfattee booda jiraattonni karaa seeraatiin manneen jireenyaa irratti ijaarrachaa ass ga’aniiru.

Jiraattonni woggoota 20n darban keessatti maatii warraa kuma 4 oli ta’an kara seeraatiin manneen jireenyaa ijaarratuun ibsaafii bishaaniis seeraan galafatnii baasii baasaa jiraachaa jiru.

Bulchinsi gandaa fii magaalaa manneen ijaaraman kun seeraan ala ta’uu otuu jiraattotatti waa takkallee hin ibsin manneen akka diiggaman murteeffamuun rakkoof akka isaan saaxiluu jiraattonni miira cimaan dubbataniiru.
Bulchinsi magaalaa manneen seeran ala ijaaraman ittiin jedhan diigaa jechuu malee bakkee biro kan mana itti ijaarratan tokkoolee akka jiraattotaaf hin qopheeysiniif jiraattonni ibsanii jiru.

Jiraattota akka naannoo dhiisanii deeman gochuuf bulchinsi dhiibbaa guddaa taasisuun ibsaa fii bishaan iraa kutamee jiraachuu odeeffannoon ESAT dhaqqabee jira.

Jiraattotni garuu manneen isaanii keessaa deemuu waan didaniif jecha humna manneen diigu Poolisa Federaalaa fii loltoota raayyaa ittisa biyya tiin deeggaruun bakkee ganada Gurbaa jedhamutti bobbaasuun barameera.

Humniti manneen diigu halkan otuu jiraattonni manneen keeysa ciisaa jiranii manneen irratti waan diiganiif mormiin jalqabee jira.

Jirattonni halkan keeysa dhagaalee fii waan argatan maraan humna manneen diigu ofirraa ittisuuf mormii waan taasisaniif poolisoonni mormii qabbaneeysuuf rasaasa ummata irratti dhukaasaa akka turan himame.

Mormii kanaan wal-qabatee jiraattonni 20 oli akka madaa’an barame.
Gochi maatii warra kuma 4 oli ta’an halkan tokko keessatti manneen jireenyaa dhoorge kun ummata magaalaa Arbaa Mincii waan dallansiisiif mormiin geggeeyfamaa jiraachuun himamee jira.

Ummatni Magaalaa Arbaa Mincii buqqaafamuun jiraattota ganda Gurbaa akka dhaabbatuuf mare geggeeysaa jirachuun barame.

Haala kana hubachuuf tattaaffiin ESAT hooggantoota bulchinsa magaalaa qunnamuuf tasisan hin milkoofne.

Daandiin gara ganda Gurbaa deemu guutumaan guututti cufamuun Poolisiin Federaalaa fii humni raayyaa naannoo dhufatanii jiraachuun baramee jira.