Lolli Humnoota Poolisoota Addaa Bulchinsa Naannoo Somaaleetiin geggeefamaa jiru cimee itti fufaa jira.

Lolli humnoota poolisoota addaa bulchinsa naannoo Soomaleetiin daangaa Oromiyaa cee’uun geggeeyfamaa jiru yeroo amma bifa qindoomina cimaa qabuun guyyaa jimaata hardhaa godinoota Harargee dhihaa fii bahaa keeysatti cimee itti fufee jira.

Lolli Godinaa Harargee Dhihaa magalaa Mi’eesso irratti baname kallattii sadihiin yo tahu isaaniis kurfaa Saawaa, Soddomaa fii bakka Buna jedhamtu tahuu odeessi garasii bahu mirkaneesseera.

Guyyaa hardhaa humni Poolisoota addaa naannoo Soomalee magaalaa Mi’eessoo seenuun lola ummata nagaya airratti bananiin lubbuu namoota 5 galaafatanii nama 8 madeessaniiru.

Lola kana irratti jiraattonni, poolisoota bulchinsa naannoo soomaalee 3 ajjeesuus ibsaniiru.
Loltoonni bulchinsa naannoo Soomaalee baayyina hedduu qaban magaalaa Mi’eessoo seenuun hawaasa nagayeenyaan jiraatu irratti dhukaasa banuun ummata shoorarkeeysaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Oduu wal-fakkaatuun guyyaa kaleessaa godinaa harargee bahaa aanaa Gursum keeysatti Poolisoonni addaa kun duula qindaawe hawaasa nagayaa irratti banuun jiraattota 4 ajjeesuun gabaafameera. Sirni awwaalcha jiraattota arfan wareegamanii guyyaa hardhaa geggeeyfamee ooleera.
Godinaa haragee bahaa aanaa Cinaaksanittiis lola taasifameen lubbuun jiraataa tokkoo guyyaa hardhaa ajjeefamuun himameera.

Oduma wal-fakkaatuun Godinaa Baalee aanaa Madda Walaabuutti poolisoonni addaa bulchinsa naannoo Soomalee kun lola cimaa taasisaa jiraachuun gabaafameera.

Humnootni injifannoo Oromoon wareegama qaalii kaffaleen galmeessuu egale boodatti deebisuuf socho’aa jiran ummata Oromoo fi Oromiyaa nagaa dhabsiisuun Oromoo cabsuuf halkaniif guyyaa socho’aa jiru jechuun Obbo Addisuu Araggaa Itti gaafatamaan siyaasaa fii ijaarsa ummataa baadiyyaa dhaabbata Dimokraatummaa Ummata Oromoo ibsaniiru.

Torbee darbe irraa eegalee lola Godina Booranaa magaala Mooyalee fi aanaalee adda addaati banameen lubbuun lammiilee hedduu darbee jiraachuu fii hedduurras miidhaan qaamaa gahee jiraachuu Obboo Addisuun himaniiru.
Guyyaa har’a lola Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessootti banameen misoonsotni Poolisii Oromiyaa 3, miseensi raayyaa ittisa biyyaa 1 fi namni siviiliin 1 walumaagalatti namootni 5 wareegamanii jiru jechuun Obbo Addisuun beeksisaniiru.
Obboo addisuun qaamota bu’aa siyaasaa fi diinagdee hinmalle argachuuf jecha dhiigni ummata keenyaa akka dhangala’u godhaa jiran irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa ciccimaan qaama dhimmi ilaallatuun fudhachuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.