Lammiileen Zimbaabwee carraa Roobart Mugaabee fi biyyaa isaanii gara fulduura maal ta’uu akka maluu shakkiin ilaala jiru

Pirezedaant Roobart Gabri’eel Mugaabeen waggoota 37 darban mormitoota isaanii akka barbaadanitti barbadeessuun Ziimbaabuwe olantummaan bulchaa turaniiru
Pirezedantichi tarkaniiffii lafa qonnaa babal’aa qonnaan bultoota warraa adiin qabamee ture harkaa fuudhuun lammiilee biyyaatti gurachootaaf waan qoodaniif ilkaan biyyoota dhiyaa jala galaniiru
Biyyoonni dhihaa tarkaniiffii lafa qonnaa warraa adii harka fuudhuun gurrachoota lammiilee biyyaattiif kennu kana hordofun pirezedantichi mirga namooma hin kabajan jechun ilkaan isaanii keessa galfataniiru.
Ta’uus garuu waggoota baay’eef Pirezedaant Mugaabee akka yaadanitti alanfachuu hin dandeenye
Biyyoonni dhiyaa Mugaabee ijaa hamaan wayita ilaalan isaaniis waltajjii addunyaa argatan hundarratti isaan mormuun waggoota hedduuf olantummaan imalaa turaniiru.
Yaa ta’uu malee, Pirezedaant mugaabeen Ilkaan warraa dhihaa jala bahaniis raayyaa ittisa biyyaasaanii waggoota hedduuf itti abdatanii aangoo waggoota 37f irra turan dhabaniiru.
Raayyaan Ittisaa Ziimbaabuwee dhaabbataa miidiyaa biyyoolessaa ‘ZBC’ too’achuun yakkamotoota akka silmii bobaa Mugaabee jala seenuun biyyaa xuxaan to’achuuf malee mootummaa fonqolchuf miti jechun ibsa kenneera
Roobart Mugaabeen olantummaa bulchiinsa warroota adii muraasaan biyyaatti bulchaa turan bara 1980 injifachun waggoota 37n darbaniif biyyaatti dhuunfaa isaaniin bulchaniiru
Lammiilee biyyaatti baay’ee biraatti goota qabsoo ta’uun kan beekaman Mugaabeen waggoota muraasa asi garuu abbaa irree ta’uun isaanii ni himama
Keessattu tarkaniiffii morkatoota fi qaama imammaata isaanii mormu hunda dhabamsiisuuf fudhatanii lammiilee biyyaatti fi hawaasa addunyaa hin gammachisne
Pirezedaant Mugaabeen angoo pirezedantummaan irra waggoota 37 wayita turan akkasumas jaarsaa waggaa 93 ta’aniis aangoo waan quufaan hin fakkatu.
Yeroo isaan du’aan boqatan yookan immoo akka tasaa aangoo gadhiisan eenyyuutu bakka isaanii bu’aa gaaffiin jedhu paartii isaanii addan qooduun himama tutreera
Mugaabeen aangoo waggoota 37 irra turan kun harka maatii isaanii keessa akka bahu waan hin barbaaneef haadha manaa isaaniif kennu fedhi qabu ture.
Haati manaa isaanii yeroo dhiyoo asi waltajjii siyaasatti bahuun jira jira jechu jalqaban Girees Mugaabee fi pirezidantiin itti-aanaa isaanii aangoorraa kaafaman Emarsan Minaangaagwaa aangoo pirezedantummaa morkiin jalqaban biyyaatti to’aannoo raayyaa ittisa jala galcheera
Amma Preezdaant Roobart Muugaabee mana jireenya isaanii magaala Haraareetii argamuu akka hin bane ittisamanii miseensoota raayyaa biyyaan eegamaa jiru.
Pirezedaant Mugaabeen ammas aangoorraa bu’uu isaanii amananii fudhachuuf fedhii dhabaniis hoggantoonni biyyoota Afriikaa Kibbaa haali siyaasa biyyaatti nagaan furmaata akka argatuuf jaarsumma jalqabaniiru.
Raayyaan Ittisaa biyyaa yakkamtoota adamsuuf malee aangoo mootummaa dhuunfachuuf miti jechun ibsa kenne aangoo qaama Siivilitti dabarsee kenne moo hin kennu kan jedhu gaaffii uumeera
Lammiileen biyyaatti waggoota 37 olantummaa nama dhuunfaan bulaa turanii fi hawaasni Addunyaa carraan Mugaabee fi Zimbaabwee gara fulduura maal akka ta’u malu dhiyeenyaatti hordofa jiru