Lammiileen Sumaliiyaa dhabamuu tasagabbii biyyaa isaaniitiif Itoophiyaa sababa ta’uushee himaniiru

Itoophiyaa waggaa 10 duraa mootummaa Cee’uumsaa Sumaliiyaa gargaaruun Garee Mana Murtii Islaamummaa jedhee of waamuu magaala Moqidishoo keessa baasuuf loltoota ishee Sumaliiyaatti erguun ni yaadatama.
Itoophiyaan gareen kun lola jihaadummaa Ummata Itoophiyaa irratti baneera sababa jedhuun looltoota ishee gara Sumaliiyaatti akka erguun ishee ni yaadatama. Lammiileen Sumaliiyaa garuu waggaa 10 n booda dhabamuu tasgabbii fi nageenya biyyaa isaaniif Itoophiyaa sababa ta’u dubbata jiru
Jirattoonni magaalaa Moqadhiishoo dhibbeeta 80 Itoophiyaa daangaa biyyaa isaanii akka weeraarte Gaaffii fi deebii Raadiyoon Dalsan wajjiin gaggeessaniin himaniiru
Jiraatan Magaala Moqidishoo Ahimaad Billee jedhaman hanga Looltoonni Itoophiyaa Sumaliiyaa keessa jiraniitti walitti bu’iinsi biyyaatti keessa jiru furmaata ni argata jedhanii akka hin abdane himaniiru.
lammiileen Sumaliiyaa baay’een walitti bu’insa garichaa fi loltoota Itoophiyaatiin akka du’aanii fi qa’ee isaanii irra akka buqqa’ani himaniiru.
Loltoonni Itoophiyaa haala siyaasa Sumaliiyaa iratti hunda’udhaan yeroo barbaadan bahaa yeroo barbaadan immoo gara daangaa biyyaattiitti seenuun lammiilee biyyaatti biraatti waan fudhatma argate hin fakkatuu .
Itoophiyaa Filaannoo pirizedaantummaa Sumaliiyaa akka lakkofsa warra farnjoota Amajjii 22 filatamuun, pirizidantiin biyyaatti ammaa Hasaan Shee Mohammuud akka filatamaniif fedhii qabdi jedhameera.
Qondalttoonni Mootummaa Itoophiyaa dorgomaa filannoo pirizedantumma Shariif Shee Hasaan Adaan filannoo Pirizedantummaaf dorgomanii fi Pirizedaantii Biyyaatti amma aangoo irraa jiran Mohammuud iciitiidhaan marsiisaa akka jirtu himameera.
Kaayyoon Marii kana immoo Shariif shee Hasaan dorgommii Pirizedantummaa dhiisaanii Afa yaa ‘ii mana mareef akka dorgoman gochuun pirizedaantii biyyaatti amma aangoo irra jiraniif haala mijeessuuf jedhameera.
Pirizedaantii Mohammuud ji’a tokkoo keessatti yeroo shanaffaadhaaf gara Finfinneetti deddebi’aa akka jiran himameera.
Pirizidaat Mohammuud loltoonni Burundii magaala Moqidishootti nagaa kabachiisuu dhiisanii gara biyyaatti yoo deebi’an loltoonni Itoophiyaa akka bakka bu’aanii Moqidishootti nagaa kabachisaniif marii jalqabaniiru.
Akka Miseensi Parlaamaa biyyaatti fi falmituun mirgaa namooma Saagaal Bihii jedhanitti Mootummaan Itoophiyaa waggoota 10 boodaa siyaasa biyyaatti gidduu galuun kallattii hundaan dhimmaa Sumaliiyaa to’aachuuf yaala jira.
Loltoonni Itoophiyaa lammiilee sumaliiyaa kamuu biraatti fudhatama xiqqaa akka qabu jedhameera. Loltoota biyyoota Afriikaa Lammiilee Sumaliiyaa filatan keessaa Keeniyaa , Ugandaa , Burundii fi Itoophiyaa sadarkaa tokkooffaa hanga Arfaffaa irra akka jiran barataan Yunivarsiitii Moqidishoo Abdikaariim Yusuuf raadiyoo kanatti himuusa ‘All Africa’ gabaaseera.