Lammiileen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiraatan dhimmoota seeraa lammummaa Itoophiyaa ittiin argachuu danda’anirratti qondaaltonni biyyoota lamaanii marii akka jalqaban miidiyaalen Jaamaayikaa gabaasanii jiru.

Jaamaayikaa daawwachaa kan jiran Ameerikaa, Jaamaayikaa fi biyyoota Kaaba Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Girmaa Birruu, lammiilen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiran karaa ittiin lammummaa Itoophiyaa argachuu danda’anirratti hojjetamaa akka jiru dubbachuu isaanii Gaazexaan Biyyatti Obzarvar jedhamu gabaaseera.

Lammiilen Jaamaayikaa dhiibba shanitti dhiyaatan waggoota 60 dura jalqabee naannoo magaalaa Shaashaamannee jiraachaa akka jiran ragaalen ni mul’isu.

Lammiilen Jaamaayikaa kunniin waggoota hedduuf Itoophiyaa keessa jiraatanis lammummaa argachuu akka hin dandeenye himameera.

Seerri Itoophiyaa lammummaa lama kan hin heeyyamne waan ta’eef gaaffin dhalattoota Jaamaayikaa waggoota 50 ol Itoophiyaa keessa jiraatanii deebii argachuu hin dandeenye.

Rakkoo kana furuun lammiilen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiraatan lammummaa Itoophiyaa kara ittiin argachuu danda’an ilaalchiisuun biyyoonni lamaan mari’achaa akka jiran gaazexaan kun Ambaasaaddar Girmaa Birruu wabeefachuun gabaaseera.

Lammiilen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiraatan kun lammummaa biyya isaanii qabatanii Itoophiyaa keessa akka jirataniif hojiileen seeraa hojjatamaa akka jiraniis Ambaasaaddar Girmaan himaniiru.

Mariin biyyoota lamaan giduutti jalqabame kun furmaata tokko irra hanga gahutti lammiilen Jaamaayikaa Itoophiyaa keessa jiraatan waraqaa eenyummaa lammummaa amma qabaniin akka turan himameera.

Lammiilen Jaamaayikaa waggoota shantamaa ol Itoophiyaa keessa jiratanii Ijoollen isaanii Itoophiyaa keessatti dhalatanis gaaffin lammummaa Itoophiyaa argachuu isaanii hanga amma furmaata akka hin arganne ragaan biyya keessaa arganne ni mul’isa.

Seerri Itoophiyaa lammummaa biyya lamaa kan hin heeyyamne waan ta’eef, Ambaasaaddar Girmaa Birruu yeroo ammaa waa’ee lammummaa biyya lamaa ilaalchisuun mallattoon kennan eenyuu fayyaduu fi kaayyoo maalif akka ta’e wanti beekame hin jiru.