Lakkofsi namoota Sababa Walitti Bu’iinsa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleetiin qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’anii Miiliyoona tokko akka dhiyaatu himame.

Lakkofsi namoota sababa waliitti bu’iinsa Oromiyaa fi naannoo Sumaalee wajjiin walqabatee qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aanii miiliyoona tokkootti dhiyaachuu gabaasni dhaabbilee idila addunyaa mul’isaniiru.
Akka gaabaasa dhaabbiilee kanniitti, lammiileen shira jeneraloonni waayyaannee xaxaniin qe’ee fi qabeenyaa isaaniirra buqqa’aan buufatalee dhibba afur keessa qubataniiru
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaanii Oochaa jedhamu qorannoo komishiinii Ittisa Balaa biyyaaleessa wajjiin gaggeesseen lakkofsi namoota qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan miiliyoona tokkotti akka dhiyaatu gabaaseera
Lammiileen kuma 800 fi kumni 57 qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’uu qorannoo kanan akka mirkana’ee dhaabbatichi beeksiseera
Namoota qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan kanniin keessa lakkofsi dhalattoota Oromoo baay’ee akka ta’e dhaabbatichi gabaseera
Dhalattoonni naannoo Sumaalee kumni 68 qe’ee fi qabeenya isaaniirra akka buqqa’aanis qorannoo dhaabbaticharra hubatameera
Lammiileen sababa walitti bu’iinsaan qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan gargaarsa gahaa argachaa hin jiran
Lammiilee buufataalee yeroo keessa jirataan malee kan manneen firoota isaanii jiraatan akka jiraniis gabaafameera
Abbootiin warraa kuma 100 fi kuma kudhan gargaarsa hatattamaa isaan barbaachiisu keessa abbootiin warraa kumni 58 naannoo Oromiyaarra akkasumas abbootiin warraa kuma 41 immo naannoo sumaaleetti akka ta’aan dhaabbatichi gabaaseera
Sababa walitti bu’iinsa daangaa naannoolee lamaan kanan daa’immaan kumni 93 ol barnoota isaanii addan kutuuuf akka dirqaman himameera
Daa’immaan kanniin toofta dhiyeessa barnootaan biraatti fayyadamuun gara barnoota addaan kutaniiitti hatattamaan deebisuun akka barbaachiisu dhaabbatichi hubachiiseera
Lammiileen sababa walitti bu’iins daangaa Oromiyaa fi naannoo Sumaaleetiin qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aan kunnin hanqinna dhiyeessa nyaata fi bishaan dhugaatiin rakkoo guddaaf saaxilamaniiru
Oduu biraan immoo,Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Fandiin Deeggarsa Yeroo lammiilee sababa walitti bu’iinsa daangaa Oromiyaa fi naannoo Somaaleetiin qe’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’aniif deeggarsa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 10 kenneera.
Maallaqni dhaabbatiuchi lammiilee buqqa’aaniif gargaarsan kenne kana qondaltoonni waayyeennee sababa adda addaan addaan qoodachu maluu shakkiin jedhu gamanumaan uumameera.
Maallaqichi garaa mootummaa federaalaa kan kennamu waan ta’eef qondaltoonni mootummaa naannoo Oromiyaa dhimmichi ilaalatu dhiyeenyaatti hordofuun lammiilee buqqa’aaniif ooluusa mirkaneeffachuu akka qaban himameera.