Lakkofsi namoota balaa jijjiguu balfa Qosheetiin lubbuu isaanii dhabanii kan mootummaan jedhu dhibbaan caaluu akka danda’u Gaazexxaan Neywork Times gabaaseera

Balaa jijjiguu balfa qoosheetiin hanga ammaatti reefii namoota baay’ee balfa jijjigee jala qotamee akka hin baane namni nagaa akka eeguuf naannichaatti ramadamee tokko gaazeexxaa Neywork Timesiitti himeera.
Bulchiinsi magaala Finfinnee balfa jijjigee jala reefa namoota 113 qofti qotamee akka bahe beeksiisee ture. Yaa ta’u malee lakkofsi namoota du’aan garuu kan mootummaan ibsaa jiru dhibbataman caaluu akka danda’u namni nageenyaaf maqaan isaa akka dhahamu hin barbaannee beeksiiseera.
Jirattoonni naannichaa guyyoota muraasaan dura hanga namoonni 80 ol eessa buuteen isaanii akka hin beekamne rooyitarisittii himaanii ture
Bulchiinsi magaala Finfinnee hojii reefa barbaaduu xumurama jira jedhuus namoonni reefa maatiiwwaan fi firottaan isaanii hanga amma hin argannee garuu hojii reefa barbaadu kun cimee akka itti fufu gaafacha jiru.
Bulchiinsa magaalaa Finfinnees ta’ee jirattoonni naannichaa balaan kun wayita qaqqabuu namoonni meeqa naannicha akka jiraatan ragaa qabatama waan hin qabneef lakkofsa namoota balaan irra gahee addaan baasuun hin danda’amne jedhameera.
Jirattoonni fi bulchiinsi magaalaatti manneen 48 balaa jijjiguu balfa qosheetiin gutuman gutuutti akka barbada’aan mirkaneessaniiru.
Manneen kanniin keessa giddugaleessaan namoonni torba jiraachaa akka turan jirattoonni naannichaa himaniiru
Namoonni baay’een reefa maatii fi firottaan isaanii barbaada akka jiran gaazeexxeessaan Neywork Times gaafa guyyaa wixataa bakka balaan balfa qoshee itti qaqqabee kana dhaqee argusaa gabaaseera.