Korporeshiniin Sibilootaa fi Injinariingii Itoophiyaa Warshaa Xaa’oo Yaayyoo ijaare xummuruuf dabalatan birrii Biiliyoonni Sagal akka kaffalamuuf Gaafate.

Korporeshiniin Sibilootaa fi Injinariingii Itoophiyaa jeneraloota waayyaannee hogganamu Ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoo waggaa 2 keessatti ijaaree xummuruuf waada galee ture
Yaa ta’u malee, raawwiin ijaarsi warishichaa waggoota jahan darban keessatti dhibbeenta 44 qofarra akka jiru himameera
Ijaarsi Warshichaa Koorporeeshiniin Indaastirii Keemikaalaa kisaaraa dabalataaf saaxilaa akka jiru mana marii bakka bu’oota ummataatti himeera
Koorporeeshinii Sibiilotaa fi Injinariingii jeneraloota waayyaannee hogganamu ijaarsa warshichaa waggaa 2 keessatti xumuruuf bara 2004 waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.
Ijaarsi warshichaa garuu hanga ammatti dhibbeentaa 44 irratti akka argamu daayreektarri Koorporeeshinii Indaastirii Keemikaalaa obbo Fiqaaduu Damee beeksisaniiru.
Ijaarsi warshichaa akka lakkofsa Itoophiyaa bara 2010 ni xumurama jedhamus, korporeshiniichii hanga ji’a Adoleessaa bara 2011tti akka xumuru beeksiseera
Korporeshiiniin jeneraloota waayyaannee ijaarsa warshichaa bara 2011tti akka xumuru himus, abbaa warshichaa kan ta’e Korporeeshinii Indaastirii Keemikaalaa shakkii akka qabu beeksiseera
Korporeshiiniin Sibilootaa fi Injinariingii ijaarsa warshaa xaa’oo Yaayyoo birrii biiliyoona 11 waggoota lama keessatti ijaaree xummuruuf waliigaltee mallatteessee ture
Ijaarsi warshichaa yeroo itti ni xumurama jedhame keessatti waan hin xumuramneef Koorporeeshinii Sibiilotaa fi Injinariingii dabalataan birrii biiliyoona Sagaal akka kaffalamuuf gaafateera.
Kun immoo baasii waliigalaa ijaarsa warshaa Xaa’oo Yaayyoo birrii biiliyoona 20 ol akka ta’u beekameera
Waliigalteen Koorporeeshinii Sibilootaa fi Injinariingii Ijaarsa Pirojektii Xaa’oo Yaayyoo ittin ijaaruuf mallatteesse akka hin argamne Oodiitarri muummee obbo Gammachuu Dubbisoo beeksisaniiru