Koreen mirga namoomaa parlaamaa Awurrooppaa Dr Maraaraa Guddinaa sababa ittin hidamaniif mootummaan Itoophitaa akka beeksisuu gaafatee

Parlaamaa Awurrooppaatti hoggantuun garee mirga namooma Eliinaa Valensiyaanoo mootummaan Itoophiyaa Dr Maraaraa mana murtiitti kan himaatu yoo ta’ee. dhimmaa ittin himaatu ummaata beeksiisuu akka qabu hubachiisan.
Gamtaan Awurrooppaa Mootummaa Itoophiyaa irratti tarkaniiffii akka fudhatuuf paarlaamaan Awurrooppaa waamicha dhiyeessee turee ammas akka hojiira ooluuchuuf gaafateera
Akka hoggantuun koree mirgaa namoomaa jedhaniitti, Itoophiyaa keessatti sarbamuun mirga namoomaa fi tarkaniiffi lammiilee morman irratti fudhatamaa jiru foyyaa’insa waan hin qabneef yaada murtii parlaamaan dhiyeessee kana Gamtaan Awurrooppaa hojiirra oolchuu qaba
Mormii Ummata naannoo oromiyaa hordofuun parlaamaan Auwurrooppaa waltajjii marii hatattaamaa qopheessuun gamtich mootummaa Itoophiyaa irratti tarkaniiffii cimaa akka fudhatuuf yaada murtee dhiyyeessuun ni yaadatama.
Dhimmicha dhiyeenyaatti hordofaa akka jiruu koreen kun himeera. Waggaa tokkoo guutuu qaabinsa mirga namoomaa fi namoota ukkamsuu ilaalchisee foyya’insi akka hin jiree koreen mirga namoomaa parlaamaa Awurrooppaa kun beeksiiseera.
Duraa ta’aan Kongraasii Federalisiitii Oromoo Dr Maraaraa Guddinaa labsii yeroo hatattaamaa darban jechuun erga hidhamanii booda pooliisiin mana murtiitti dhiyeessuun qorannoo guyyota 28 gaafate mana murtiitiin eyyamameef jira.
Dr Maraaran afeeraa paarlaamaa Awurrooppaattiin waa’ee qabinsa mirgaa namoomaafi haala waliigalaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruu irratti ragaa bahanii turan. Garuu gara biyyaatti wayita deebi’an tika mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hidhamuun ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa Dr Maraaraan hogganaa garee Arbanyooch Ginboot sabaat Profesaarii Birhaanuu Naggaa wajjiin ibsa kennun labsii yeroo hatattaamaa darbaniiru jechuun himaata.
Paartiin Kongraasii Federalisiitii Oromoo gama isaatiin, hogganaan isaa yakkii tokkoo osoo hin raawwatiin hidhamuu beeksiiseera. Dr Maraaraa wajjiin firoonni isaanii lama akka hidhamaniis beekameera.
Gamtaa Awurrooppaa,Mootummaa Ameerikaa fi Dhaabbileen Mirga Namoomaa Addunyaa hidhamuun Dr Maraaraa akka isaan yaaddeessee beeksiisaniru.
oduu walifakkatuun waldaan Interashinaalii ogeessoota seeraa oromoo hidhaamuu Dr Maraaraa Guddinaa akka isaa yaaddeesse ibsa baaseen beeksiiseera. waldaan kun mootummaa Itoophiyaa sagalee ummata oromoo ukkamsuuf jechaa namoota dimishaashaan hidhuu balaleeffateera. Dr Maraaraadhaaf yeroo kamuu tajaajila ogummaa kennuuf qophii ta’uusa Waldaan Interashinaalii Ogeessoota Seeraa Oromoo beeksiiseera.