Kontirobadistoonni eenyu akka ta’aan ifatti himamu akka qabu miseensoonni mana marii bakka bu’oota gaafatan

Daayrikiteerii abbaa taayita galiiwwaanii fi gumuruukii Itoophiyaa obbo Mogaas Baalchaa dabalate qondaltoota biroo raawwii karoora hojii ji’oota jaha mana marii bakka bu’oota ummataaf dhiyeessaniiru
Kontirobandistoonni diinagdee biyyaatti miidhuu bira darbuun rakkoo siyaasa uumaa jiru jedhaman eenyuu fa’aa akka ta’aan ifaatti himamu akka qabu miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa gaafataniiru
Rakkoo siyaasa biyyaatti muudateef Qondaltoonni mootummaa olaanoo osoo hin hafne humnoota hin beekamne Kontirobandistoota jechun quba kan itti qaban eenyummaan isaanii ifaatti beekamu qaba jedhaniiru
Miseensoonni mana marii bakka bu’oota ummataa humnoota eenyummaan isaanii hin beekamne kanniin ifaatti beekuuf itti gaafatamummaa akka qaban hoggantoota abba taayita galiiwwanii fi Gumuruukii himaniiru
Miseensi mana maricha tokko kontirobandistoonni maqaan isaanii hin waamamne kun eenyuu jechun gaafataniiru.
Biyyaatti keessatti walitti bu’iinsa sabaa uumaa kan jiran qamoolee maqaan kontirobandistoota jedhamu kennameefii humnoota neetworkiin walitti hidhaman jedhameera jechun gaafataniiru
Irree cimaan humnoota kanniin Abbaa Taayitaa Galiiwwaanii fi Gumurukii hudhee qabee jira jedhan
Hoggantoonni dameewwaan abbaa taayitaa galiiwwaanii fi Gumuruukii hojii seeraan alaa kanaaf akka mijaataniif kan ramadaan waan ta’eef yeroo amma sabni tokko qofi addaa bahee akka miidhamuuf sababa ta’uusa miseensi mana marii tokko gaafataniiru
Magaaloota Daandiiwwaan gurguddoo meeshaaleen daldala alaa ittin ergamanii fi gara biyyaa keessa ittin galan qaxxamuraniitti keessatti tasa ibsaan yoo bade konkolatoonni Kontirobaandii fe’aan gala akka jiran ifatti kan beekamu ta’uu miseensi mana marii biroo dubbataniiru
Neetwoorkii kana keessa hojjattoonni dhaabbatichaa keessa jiraachu akka malan kan mul’isu jedhan
Miseensoonni mana marii bakka bu”oota kunniin Kontoorobandistoonni eenyuu fa’aa akka ta’aan kan beekaniis, maqaa dhahuu waan hin barbaanneef qondaltoota abbaa taayitichaarra dhaga’uu barbaadaniiiti jedhameera
Jeneraloonni waayyaannee fi qondaltoonni Adda bilisa baasaa ummata Tigraay dameewwaan abbaa taayitaa galiiwwaanii fi gumuruukii irratti miseensa addichaa ramaduun waggoota 26n darban daldala Kontirobandii irratti bobba’uu isaanii kan beekamudha
Jeneraloonni fi qondaltoonni waayyaannee kunniin qindomina cimaa uumuun konkolattoata raayyaa ittisaa biyyaatti fayyadamuun meeshaalee adda adda ashuuraa malee gara biyyaa keessa galchuun miiliyenaroota ta’aniiru
Qondaltoonni waayyaannee Jeneraloota daladala kontirobaandii qindeessa akka turan irratti beekame sababa ergama naga kabachiisu jedhun gara biyyoota alaatti erguun qorannoo jala miliqsaniiru
Jeneraloota kanniin keessa daladala kontirobandii jimaa,meeshaalee elekitironikisii fi kan biroo gara biyyoota giddugala dhiyaatti erguu fi galchun kan beekaman jeneraal Gabreen ergama nagaa kabachiisuuf ergamaniiru.
Jeneraal Gabreen Liyyuun Pooliisiin naannoo Sumaalee gandoota daangaa naannoo Oromiyaa akka weeraranii fi lammiileen kuma dhibba jaha ol qe’ee fi qabeenya isaaniirra akka buqqa’aniif gahee guddaa gumaacheera
Qondaltoonni Abbaa Taayita Galiiwwaanii fi Gumuruukii Itoophiyaa eenyumaa kontirobandistoota himuun kan danda’amu ta’uus, garuu tarkaniiffi fudhatamu eeguu foyyaa’aadha jedhaniiru
Hoggansaa siyaasa olaanoo biraatti kutannoo kontirobandistoota irratti tarkaniiffi fudhachuu waan jiruuf qorannoon adda baasuun koree sadarkaa biyyaatti hunda’eef ni dhiyeessina jedhan