Kisaaraan baankii Misoomaa Itoophiyaa lafa abbooti qabeenya biyyaa alaatiif kennuu wajjiin walqabatee irra gahee falmii kaaseera

Baankiin Misooma Itoophiyaa Abbooti qabeenya biyyoota alaa damee Invastimantii Qonnaa irratti bobba’uu barbaadaniif lafa liiziidhaan dhiyeessa tureera.
Baankich adeemsa lafa liiziidhaan abbooti qabeenyaatiif dhiyeessuu wajjiin walqabatee kisaaraan birrii biiliyoonaatti lakkawaamuu irra gaheera.
Abbootiin qabeenya biyyaa keessaa fi Alaa 100 caalaan invastimantii qonnaaf lafa bal’aa naannoo gambeellaatti fudhataniiru.Yaa ta’u malee haali adeemsa lafti abbooti qabeenyaaf itti kenname sirri miti jechuun mootummaan federaalaa hojii akka dhaabaan murteessuun ni yaadatama.
Naannoo Gambeellaatti Abbootiin qabeenya baay’een lafa Invastimantii nama tokkoof kennameen liiqii baankii Misoomaa Itoophiyaa irra fudhachuun akka kisaaraaf saaxilamu taasisaniiru .
Mootummaan Itoophiyaa abbootii qabeenyaa Indiyaa qabiyyee lafa walfakkatuun birrii baay’ee liqeeffatanii biyyaa bahaan mallaaqqa fudhatan deebisiisuuf tarkaniiffii seeraa fudhachaa jira.
Wajjiirri ministirra muummuuee rakkoo adeemsa liqii fi kisaaraa baankicha irra gahee wajjiin walqabatee pirizidaantii baankiichaa obboo Isayaas Bahiree kaasuun bakka isaanii Itti-aanaa pirizidaantii Baankii Biyyooleessa Obboo Getaahuun Naannaa muudeera.
Kisaaraa Birrii biiliyoonaatti lakkawamuun mootummaa irra gahe kanaaf qaamni itti gaafatamuu eenyuu akka ta’ee Ummaataatti himuun qondaltoota mootummaa olaannoo walfalmisiisaa jira .
Mootmmaan Federaalaa fi Qondaltoonni naannoo kisaaraa qaqqabee kanaaf eenyuu itti yaa gaafatamau dhimma jedhurratti waggaa tokkoof mar’achaa turaniis furmaanni argamuu akka hin geenye beekameera
Kisaaraa Baankii Misoomaa Itoophiyaa irra gahee wajjiin walqabatee dhiyeessi lafaa fi liqii abbooti qabeenyaaf kennamu akka dhaabbatu murta’eera. Tarkaniiffi dhiyeessa lafa sadarkaa addunyaatti balaleeffama turee kun bu’aa isaa irra kisaaraan akka caalee argame himameera.