Kemikaaloonni summii baay’ee qabaniif lubbuu namaafi naannoo irratti balaa gudda qaqqabsiisuu danda’an yeroo tajaajila isaanii irra darbe baay’een akka jiru himameera.

Itoophiyaa bakka adda addatti kemikaloonni summi-qabeessa lubbuu namaaf sodachiisoo ta’anii fi yeroo itti fayyadama isaanii irra darbe akka jiran himameera.
Kemikaaloonni kunniin sharafa biyyaa alatiin bitamanii gara biyyaa keessa kan galan ta’uus yeroon tajaajila isaanii waan irra darbeef lubbuu nama, beelladoota fi naannoo irratti balaa guddaa qaqqabsiisuu danda’u jedhameera.
Yeroo ammaas kemikaloonni farra Ilbisootaa fi to’aannoo dhibee baay’een gara biyya keessa galaa akka jiran Darkitarri Institiyuutii Qorannoo Qonna Itoophiyaa Dr Fantahuun Mangistuu Gaazeexxaa Addiis Admaasiitti himaniiru.
Waggoota kurnaan darbaan kemikaalooni gara biyya keessa galan harka afuriin dabaleera jedhan. Kemikaaloonni yeroon itti fayeeda irra oolu qaban waan darbeef yeroo amma kemikaloonni baay’ee summi- qabeessa ta’aan kutaalee biyyaatti adda addaa keessatti kufamanii akka jiran himaniiru.
Kemikaloonni summi-qabeessi kunniin bakka adda addaatti kuufamanii waan jiraniif hangi isaaniif sadarkaa maaliirra akka jiran adda baasanii beekuun akka hin danda’amne Dr Fantahuun dubbataniiru.
Kemikaloonni kunniin bifaa daakuu fi dhangala’aatiin gara biyya keessa waan galaniif itti fayyadamuu fi haala qabiinsatiiniis of-eggannoo guddaa barbachiisa jedhameera.
Kemikaloonni baay’een immoo yeroon itti fayyadama isaanii waan irra darbeef biyyaa keessaatti dhabamsiisuun hin danda’amu jedhaniiru.
Kemikaaloota kanniin biyyaa keessatti dhabamsiisuun akka hin danda’amneef akkasumas tekeneloojiin waan hin jireef maallaqaa baay’ee itti baasuun gara biyya alaatti deebisanii erguun akka dhabamsiifamaniif taasifama ture jedhan
Yeroo amma kemikaloonni dhabamsifamuu qaban baay’ee ta’uu dubbataniiru.Kemikaaloota kanniin dhabamsiisuuf baasiin sharafa alaa barbachiisuu baay’ee waan ta’eef dhabamsiisuun akka hin danda’amne Dr Fantahuun himaniiru.,
Kemikaloonni Dolaarii hedduu kaffalamee biyyaa alaatii bitamanii gara biyya keessa galaan amma immoo dolaarii baay’een itti kaffalamee gara biyya alaatti erguun akka dhabamsiifamu gochuun rakkoo ta’uusa Dr Fantahuun beeksiisaniiru.
Kemikaloonni kunniin biyyaa keessa jiraachuun namaa , beelladoota akkasumas naannoo irratti balaa guddaa qaqqabsiisuu danda’a jedhameera.
Kemikaloonni tokko tokkoo hatattaaman balaa qaqqabsiisuu kan danda’an yoo ta’u tokko tokko immoo suuta suutaan balaa bara baraaf turu qaqqabsiisuu danda’u jedhaniiru .
Qonnan bultoonni haala itti fayyadama fi amaloota kemikaloota kanniin hubannoo gahaa waan hin qabneef itti fayyadamuun balaa guddaaf isaan saaxiluu danda’a jedhameera.