Keeniyaan daangaa ishee Somaliyaa wajjiin itti wal dangeesitu K.M sadii dallaa shiboon ijaartee xumurte

Gareen shororkeessaa Al-Shabaab jedhamu yeroo gara gara daangaa keeniyaa seenun lammiilee nagaa biyyaatti ajjeessuu fi samuun miidhaa guddaa irraan gahaa jira. Keessattu gocha ajjechaa sukkaneessa baratoota yuunivarsiitii Garrisaa irratti raawwateen namoonni 140 lubbuu isaanii dhabaniiru
Gochaa sukkaneessa kanan booda Ministeerri Dhimma Biyyaa Keessaa Keeniyaa daangaa Sumaliiyaa wajjiin ittin wal dangeesaan dallaa shiboon ijaaruuf yaada dhiyeesse.
Dallaan shiboo cimoo kun balaa gareen shororkeessaa Al-Shabaab jedhamu daangaa qaxxamuruun raawwatuu hambisuuf karoorfamee ji’aa laman dura ijaarsi isaa jalqabamee.
Garee Injinaaring Ministeera Ittisa biyyaatii Pirojektii ijaarsa dallaa kiiloo meetira sadi ijaaree xumurameera.
Pirojektiin Ijaarsa dallaa K.M 30 hafe immo ji’oota arfan dhufan keessatti akka xumuramu Muummee Injinaaring Ministeera Ittisaa Keeniyaa irraa haala pirojektichaa kan daawwatan Jeneeraal Chepkutbeeksiisaniiru
Ummanni naannichaa miira guutuun pirojektii kana deeggaraa waan jiruuf kiiloo meetira 30n yeroo karoorfame keessatti akka xumuran dubbatan.
Qondaltoonni Ittisa biyyaa keeniyaa qondaltoota Raayyaa biyyooleessa Sumaliiyaa wajjiin dhiyeenyaatti hojjacha akka jiranis himaniiru
Keeniyaatti, Bulchaan naannoo Mandiiraa Alii Roobaa gama isaaniitiin, jijjirama pirojektichaa kan ji’oota lamaanii dinqisifataniiru. Bulchaan naannichaa mootummaan biyyaatti nageenya lammiilee naanniichaa eegaa hin jiru jechuun komachaa akka turan ni yaadatama.
kaayyoon Ijaarsi dallaa namni kamuu akka naannoo mandiiraa hin seenee dhorkuuf osoo hin taane dhimma nageenyaatiif jedhan. Namni kamuu karaa seensaa fi bahinsaa eyyamameen qofan fayyadamuu akka danda’u bulchaan naannichaa beeksiisuu isaanii toori oduu All Africa jedhamu gabaaseera.