Jirattoonni naannoo Sumaalee balaa hongeef Saaxilamaan beela, dhibee karaa kaasaa fi haqqeen rakkachaa akka jiran himameera.

Mootummaan Itoophiyaa Guddinni fi misoomni biyyaatti qofa hawaasa addunyaa biraatti beeksisuuf tattaafachuu malee lammiileen balaa hongeen rakkachaa akka jiran akka beekamu hin barbaadu jedhameera.
Dhiyeessi gargaarsaa lammiileen balaa hongeef saaxilamaniif dhiyaatu ji’a dhufu gutumaan gutuutti dhumuu akka danda’u dhaabbileen gargaarsa himaa turaniiru.
Waggoota darbaan mootummaa fi dhaabbileen gargaarsa balaa hongee damadamachuuf yaalaa akka turaniis himameera.
Gargaarsi lammiileef dhiyaata jiru ji’a tokkon booda waan dhumuuf maal gochuun akka danda’amu akka hin beekne Itoophiyaatti Daayrikteeriin Safe The Children Joon Giraam Gaazexxaa Deeyilii Meeyiiliiti himaniiru
Dhaabbileen Gargaarsaa lammiilee Sudaan Kibbaa fi Soomaaliyaa balaa hongee fi walitti bu’iinsaaf saaxilaman gargaaru irratti waan xiyyeeffatraniif kun immoo lammiilee Itoophiyaa balaa hongee rakkachaa jiran akka miidhe himaniiru
Guddinni diinagdee Itoophiyaa duubaatti waan harkifateef lammiilee balaa hongeef saaxilamaniif gargaarsa midhaan nyaataa dhiyeessuu akka dandeenye gaazexxaan kun gabaaseera.
Ministirri Komunikeshiinii Mootummaa Itoophiyaa Doktoor Nagarii Leencoo gamasantiin, lammiilee balaa hogeef saaxilaman mootummaan isaanii gargaaruuf rakkoo akka hin qabne himaniiru
Mootummaan Itoophiyaa rakkoo hin qabu kan jedhu balaa hongee biyyaatti mudate hawaasni addunyaa akka hin beekneef ta’uu mala jechuun gaazexxaan kun qeeqeera.
Komishinariin Sodaa Balaa fi Qajeelcha Hojii Biyyaaleessa obboo Mitikuu Kaasaa, gargaarsi hawaasa addunyaa irra eegamu kan hin dhiyaanne yoo ta’e, Mootummaan maallaqa misoomaaf ramade gara gargaarsatti akka jijjiruu dubbataniiru
Naannoo Sumaaleetti jiraattoonni Waardeer hanqina midhaan nyaataan rakkachaa akka jiran himaniiru.
Jiraattoonni kunniin yeroo muraasaaf nyaata kan hin argane yoo ta’u, hanga yoom haala abdii nama kutachiisu kanan akka itti fufaan gaazexxaa kanatti himaniiru