Jirattoonni Magaala Bahaar-Daar waggaa tokkoffaa dargaggoonni 50 ol hidhatoota mootummaantin ajjeeffaman yaadataniiru

Jirattoonii magaalatti manneen daladalaa fi kuusaa cufu fi tajaajila geejjibaa addaan kutuun waggaa tokkoffaa dargaggoonni magaalaatti 50 ol loltoota mootummaantin ajjeeffaman kan yaadatanii oolaan
Kantibaan Magaala Bahaar-Daar obboo Ayyanaaw Balaay fi Ajajaan Qajeelcha Pooliisii magalaatti Komandaar Walaaliiny Daanyaaw laguun akka jiru amanuun manneen daldalaa fi konkolattoota tajaajila jalqabsiisuuf yaalameera jedhan.
Loltoonni Mootummaa akkuma barame jirattoota soodachiisuuf olii fi gadii figaaniis jirattoonni dargaggoota gara jabeenyaan ajjeeffaman sodaa tokko malee yaadataniiru
Bifuma walfakkatuun guyyaa dargaggoonni magaalaatti 50 ol itti ajjeeffaman sababeeffachuun haleellaan boombii lama raawwatameera
Boombiin tokko kan dhoowee naannoo dhiyeenya wajjiira paartii naanniichaa bulchaa jiruutti akka ta’e jirattoonni himaniiru.
Boombiin lamaffaa immoo dhiyeenya mana jireenya abbaa taayitaa ergamaa waayyaannee jedhame shakkamu tokkootti daandii Poolii gara peedaa geessu irratti jedhameera
Mormii jirattoota magaala Bahaar -Daar manneen daldalaa isaanii cufanii mana ooluun dargagggoota ajjeeffama yaadatan wajjiin walqabatee manneen daladalaa isaanii bansisuuf manarra deemuun jirattoota akka marsiisaan kantibaan magaalatti himaniiru
Kantibiichi hojii marsiisuu yaa jedhan malee dhugaan jiru garuu loltoonni mootummaa manneen daladalaa marsuun humnan hojii akka jalqabsiisaan jirattoonni himaniiru
Konkolattoota tajaajila hin laanees irra immo gabatee hiikaa akka jiran ragaaleen ni mul’isu.
Mormii mana ooluu jirattoota magaala Bahaar-Daar deeggaruun jirattoonni mgaala Dabrataboor, Warataa, Gondoor, Waldiyaa , Dangilaa, Injibaaraa fi magaaloota naanniichaa birootti sodaan uumameera.
Guyyaan yaadannoo waggaa tokkoffaa dargaggoonni 50 ol loltoota mootummaan itti ajjeeffaman ittin yaadataman kara milka’een akka xumurame jirattoonni beeksisaniiru